Qabxiin seensa dhaabbilee barnoota ol'aanoo gara 297'tti fooyya’e.
Published Oct. 1, 2025, 7:48 a.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Ministeerri Barnootaa qabxiin seensa dhaabbilee barnoota ol'aanoo 300 irraa gara 297’tti fooyya’uu ifoomseera.
Imaammanni barnootaa fi leenjii barattoonni gara sadarkaa barnootaa itti aanuutti darbuuf qabxii %50 fi isaa ol fiduu akka qaban kan kaa’u ta’uu Ministeerichi ibseera.
Haaluma Kanaan barattoonni bara barnootaa 2017’tti qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa qabxii jiddugaleessaa %49.50- 49.99 fidan gara %50 akka siqsiifamu murtaa’uu eere.
Kanuma hordofee barattoonni qabxii %49.50 fi isaa ol galmeessan qabxii darbiinsaa gadi aanaa %50 guutuun isaanii beekamee dhaabbilee barnoota ol'aanoo seenuun barachuu akka danda’an mirkaneesseera.
Similar posts:
Mootummaan Faransaay doonii haaraa humna niwukilaraa hojjetu, seenaa isaa keessattis ta’e Awurooppaa keessatti isa guddaa ta’e ijaaruuf karoora qabaachuu isaa ifatti mirkaneesseera.
Mootummaan Oromiyaa haleellaa humnoota finxaaleyyii Faannoo godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa maqsuun nageenya uummataa waaraan mirkaneessee afuura akka nu fudhachiisu feena jedhan jiraattonni.
Mootummaan naannoo Somaalee karaa godina Boorana Bahaatiin Oromiyaa irratti lolli bane itti fufuu jiraattonni himan.
Naayijeeriyaatti Boombii Masjiida keessatti dhooheen namoonni 5 yoo du'an, 35 madaa'an.