Naannoo Amaaraatti mukti bataskaana ijaaramaa jirurraa jige lubbuu namoota hedduu galaafate

Published Oct. 1, 2025, 1:48 p.m. by FNN Staff

387



ODUU FNN

Naannoo Amaaraa Godina Shawaa Kaabaa, Aanaa Minjaar Shankoraa Bulchiinsa Magaalaa Arartiitti, kabaja waggaa Maariyaam ilaalchisee  osoo namoonni bataskaana ijaarsarra jiru daawwachaa jiranii mukti ijaarsaa kufuun haga yoonaa namootni 22 yoo du’an, 200 ol  ammoo miidhamuun gabaafame.
 
Balaan kun kan dhaqqabe har’a Onkololeessa 01, bara 2025  ganama keessaa sa’aatii 1:45 tti ta’uun ibsame.
 
Lakkoofsa namoota du’anii fi miidhamanii walii galaan haga yoonaa kan ibsamne yoo ta’u, dhimmicha hordofaa jiraachuuu kan hime bulchiinsi aanichaa maatii namoota miidhamaniif jajjabina akka hawwu ibsa baaseen beeksiseera.

 


Similar posts:

Mootummaan Faransaay doonii haaraa humna niwukilaraa hojjetu, seenaa isaa keessattis ta’e Awurooppaa keessatti isa guddaa ta’e ijaaruuf karoora qabaachuu isaa ifatti mirkaneesseera.

Mootummaan Oromiyaa haleellaa humnoota finxaaleyyii Faannoo godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa maqsuun nageenya uummataa waaraan mirkaneessee afuura akka nu fudhachiisu feena jedhan jiraattonni.

Mootummaan naannoo Somaalee karaa godina Boorana Bahaatiin Oromiyaa irratti lolli bane itti fufuu jiraattonni himan.

Naayijeeriyaatti Boombii Masjiida keessatti dhooheen namoonni 5 yoo du'an, 35 madaa'an.