Kirkirri lafaa cimaan Filippiinsitti muudatee lubbiun namoota hedduu darbe.
Published Oct. 1, 2025, 3:57 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Filippiinsitti kirkira lafaa reektar iskeeliii 6.9 muudateen yoo xiqqaate namoonni 69 du'an.
Keessumaa bulchiinsa Cebu jedhamu keessatti miidhan qaqqabe guddaa ta'uurraa kan ka'e labsiin muddamaa labsameera.
Tajaajilli ibsaafi bishaanii adda cituun namoonni daandirra jiraachuuf dirqamaa jiru.
Biyyattiin torbee tokko dura dambalii galaanatiin rukutamtee namoonni heddu du'anii ture. Balaa sanarraa osoo hin dandamatin kirkirri lafaa namoota heddu galaafate isii muudate.
Qondaalonni biyyattii, hojjattoonni yeoro balaa hatattamaafi kanneen ogummaa waldhaansa fayyaa qaban bakkichatti bobba'aniif waamicha godhaniiru.
Similar posts:
Mootummaan Faransaay doonii haaraa humna niwukilaraa hojjetu, seenaa isaa keessattis ta’e Awurooppaa keessatti isa guddaa ta’e ijaaruuf karoora qabaachuu isaa ifatti mirkaneesseera.
Mootummaan Oromiyaa haleellaa humnoota finxaaleyyii Faannoo godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa maqsuun nageenya uummataa waaraan mirkaneessee afuura akka nu fudhachiisu feena jedhan jiraattonni.
Mootummaan naannoo Somaalee karaa godina Boorana Bahaatiin Oromiyaa irratti lolli bane itti fufuu jiraattonni himan.
Naayijeeriyaatti Boombii Masjiida keessatti dhooheen namoonni 5 yoo du'an, 35 madaa'an.