Itiyoophiyaa fi liqeessitoonni isii haala itti Itiyoophiyaan liqii irra jiru kaffaluu dandeessu mijeessuf marii dhoysaarra jiraachuun himame.

Published Oct. 1, 2025, 6:49 a.m. by FNN Staff

406



ODUU FNN

Itiyoophiyaan kaffaltii Yuurooboondii doolaaraa biliyoona tokko kanaan dura kaffaluu dadhabde akkaataa itti kaffaluu dandeessu irratti liqeessitoota waliin marii dhoysaa gageessaa jiraachuu Bloomberg gabaase.

Akka gabaasichi namoota dhimmichatti dhiyoo jiran irraa odeeffadheera jedhee gabaasetti, mariin  liqeessitoota (abbootii boondii) fi bakka bu’ummaa Iyyoob Takkaalinyiin  Itiyoophiyaa jidduutti torbee kana Paaris keessatti gaggeefamuuf jiru dhoysaa ta’uu fi qaamni lamaanuu bal’ina marichaa hawaasaaf baasuu akka hin dandeenne waliigaluu ibseera.

Bara darbe, liqeessitoonni isii dhibbeentaa 18 akka dhiisaniif Itiyoophiyaan gaafattus jalaa kuffisanii turuu isaanii kan kaase gabaasichi,  dabalataan gabaasa IMF Itiyoophiyaan alergii irraa doolaara biliyoona  3.4 argatti jedhee baase. 

Haa ta'u malee liqeessitoonni amanuu dhabuun  mormuu yaadachiisuun, kana caalaa argatti jedhanii  amanuun akka irra deebi’amee ilaalamu gaafatanii turan jedha. 

Kanaan dura biyyoota akka Chaayinaa fi Faransaayi waliin akkaata liqaa biliyoona 8.4 irra jiru kaffaluu dandeessu irra deebitee mijeeffattus, liqeessitoonni dhuunfaa garuu  waliigaltee duraa jijjiiruuf haga yoonaatti eeyyamamoo akka hin taane eere gabaasni Bloomberg kun.


Similar posts:

Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa kiiramuu keessatti weerara Finxaaleyyii Amaaraa bananiin jiraattotni baadiyyaa beelladoota isaanii ooffatanii godaanaa jiru.

Hayyuu Oromoo gameessa Piroofeesar Mohaammad Hasaniif beekkamtiin kennamuuf jedha.

Safaariikoom babal'ina hojii Itoophiyaa fi keeniyaa keessaaf dolaara miiliyoona 300 liqeeffachuuf akka jiru barame.

Oduu torban kanaa haala Oromiyaa fi Addunyaa .