Humnoonni Finciltootaa Raappid Saapporti Foorsis #RSF #Sudaan keessatti yakka duguuggaa sanyii raawwachuun ibsame

Published July 3, 2026, 1:52 p.m. by FNN Staff

17



ODUU FNN

 Dhaabbanni mirga namoomaafi Falmu #Amineestii_Internaashinaal humnni Finciltootaa Raappid Saapporti Foorsis  bara 2024 hanga 2025tti magaalaa El-Fasher to'achuuf weerara raawwate keessatti yakka namoomaafi duguuggaa sanyii raawwate jechuun himate.

Sudaan keessatti waraanni mootummaafi garee RSF gidduutti Eebla 2023 irraa eegalee waraana geggeeffamaa jiru namoota kuma hedduu ajjeesee, miliyoona hedduus qe'ee isaanii irraa buqqiseera.

Qaamoleen lamaanis yakka cimaa raawwachuun himatamanii qorannoo walabaa Gamtaa Mootumoota (UN) Guraandhala 2026 irraa kaase gaggesseen weerarri bara 2025 magaalaa El-Fasher irratti raawwatame kuni mallattoo duguuggaa  sanyii ta'uu ifoomseera.

Amineestiin gabaasa bal'aa baase keessatti, RSF duula El-Fasher to'achuuf geggeesse keessatti yakka namoomaafi dugugaa sanyii raawwachuu isaa ibseera.

Dhaabbanni miti mootummaa kun jalqaba bara 2024 hanga Waxabajjii bara 2025 gidduutti Kaaba Daarfuritti miidhamtoota ykn ragaa ba’oota 247 irraa oddeffanno Walitti qabeera. Akka dhaabbatichi ibsetti  RSF'n iddoo qubsuma naannoo El-Fasher kan ummata Zaghawa keessa jiraatan, dhiha Daarfuuritti haleellaa gaggeessuu isaa ibseera.

Gabaasichi akka jedhuutti daa'immaan miidhaan akka ajjechaa , saamamuu, Akkasumas humnaan waraanatti galchuufi yakkoonni gudeeduu dabalatee miidhaan bal'aan irratti  raawwatamu ibseera.

Hoggantuu Amneestii Iternaashinaal A. Kaalamaardi  "kun surrii namaa keessatti waan madaa uumee darbu" jedhan. 

Nayiroobitti yeroo haasa'aa taasisani hoggantuun kuni, gochaalee RSF  raawwatan Kuni, " namoota hedduu fixee kunis sababa sanyiifi koorniyaatiin jiraatoota  miidhe; dugugaa sanyii raawwate," jette. Akkasumas gochi kuni "Yoo hin dhaabbanne ta'e, RSF'n yakka kana irra deddeebi'ee raawwata," jechuunis akeekkachiifte.

Gabaasichi dabalataan akka jedhuutti, loltoonni RSF'n erga jiraattonni baqatanii boodallee manneen isaanii gubuun naannicha jiraachuuf kan hin mijanne  taasisuun isaa kaayyoo dugugaa sanyii agarsiisa jedhe.

Weerari xumuraa Onkoloolessa 2025tti El-Fasher irratti raawwatameen, namoonni dhibbaan lakkaa'aman immo ajjeefamanii, kanneen hedduun immoo yeroo baqatan keessatti reebamanii, dararamaniifi hidhamuu gabaasichi ibsa isaa keessatti eerera.

Amneestiin akka ibsetti, yakkoonni kunneen yeroo hedduu, bal'inaan raawwatamaniiru, namoonni aangoo qaban gocha raawwtamaa ittisuufi Itti gaafatamummaa fudhachiisuu keessatti gahe isaanii hin baanes jedhe


Similar posts:

ODUU TORBAN KANAA.

Itoophiyaan biyyoota haleellaan hojimaata barnootaa irratti gahu sadarkaa guddaan dabale keessaa tokko jedhamte.

Tibba darbe godina Arsiitti kan argamtu aanaan Asakoo ijoo dubbii turte. Jiraataan naannawaa sanaa waan ta'e walduraa duubaan maddeenitti himan..

Haleellaa #Diroonii magaalaa #Sudaan tarsiimawaa taate irratti raawwatameen namoonni 23 ajjeefaman