Qabsoo Oromoo keessatti aarsaa guddaa kan kafalan obbo Waldayohaannis Hundee du'aan addunyaa kana irraa boqotan.
Published May 17, 2026, 3:47 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Bara 1944 godina Arsiitti kan dhalatan obbo Waldayohaannis umurii isaanii harka guddaa qabsoo Oromoo keessatti dabarsuu seenaan isaanii dubbata.
Bara 1971 yeroo sanatti Yuunivarsiitii Hayilasillaasee kan jedhamu Yuunivarsiitii Finfinnee barumsaaf seenanii achitti warraaqsa barattoota Oromoo keessatti hirmaannaa jabaa qabu turan jedhan.
Bara 1975 hanga 76tti yeroo sanatti duula “Idgat Behibret” jedhuun Wallotti dhaabbata gargaarsa namoomaa waliin hojjatanii uummata beelli mudate gargaaraa turan.
Sana booda bara 1976 yuunivarsiitiitti deebi'uun hanga bara 1977tti warraaqsa barattootaa keessatti hirmannaa jabaa taasisuu seenaan isaanii dubbata.
Bara 1976 warra Adda Bilisummaa Oromoo hundeessan keessaa tokko yoo ta'an, Magarsaa Barii faa waliin hiryaa dhihoo fi waahila qabsoo turan.
Bara 1977 erga yuunivarsiitiidhaa eebbifamanii booddee hanga bara 1980tti Gaazexaa Bariisaatti rippoortarummaa hanga gulaalaa muummee ta'uutti tajaajilanii jiru.
Amajjii 28, 1980 immoo sababa siyaasaan hidhamanii hanga Caamsaa 23, 1991tti mana hidhaa turan.
Adoolessa bara 1991 ABO bakka bu'uun mana marii mootummaa cehumsaa galan.
Akka bakka bu'aa ABO fi miseensa mana marii mootummaa cehumsaatti godinaalee Arsii fi Baaleetti imaluun uummata dadammaqsaa turan.
Obbo Waldayohaannis Hundee dhuma bara 1991 waldhaansaaf gara Awuroppaa imalanii otoo achi jiranii bara 1992 ABOn chaartara keessaa bahee jennaan carraa biyyatti deebi'uu dhabani.
Bara 1994 hanga 1996tti waajjira ABO biyya alaatti hoogganaa maallaqaa fi dhaabbataa ta'uun hojjatan.
Bara 1996 hanga 1999tti immoo miseensa koree dhimmoota alaa ta'uun ramadaman.
Obbo Waldayohaannis Hundee haala hammaataa mana hidhaa sirna abbaa hirree Dargii ilaalchisanii kitaaba kan barreessan yeroo ta'u, waggoota 12 mana hidhaa turanitti garmalee waan dararamaniif rakkoo fayyaatiif saaxilamuu seenaan isaanii hima.
Obbo Waldayohaannis kitaabota biroo maxxanfamuuf jedhanillee ni qabuu jedhan waahillan isaanii.
Obbo Waldayohaannis umurii isaanii guutuu dhimma Oromootiif ofkennanii nama hojjatan akka ta'an, kanaanis aarsaa guddaa jireenya isaanii keessatti uummata Oromoof jecha akka kafalan seenaan isaanii hima.
Namni kun mirga Oromoof jecha mana hidhaatti waggoota 12f dararaman, dararaa kanaan fayyaa ofii dhaban, bultii ijaarrachuullee hanqatan.
Hanga guyyaa lubbuun isaanii darbuutti takkaa dhimma Oromoo irraa hafanii hin beekan.
Namni sabaaf oolmaa guddaa oolan kun biyya Jarmaniitti lubbuun isaanii dabarte.
Similar posts:
Walga’iin biyyoottan miseensa Biriiks (BRICS) Deelhiitti gaggeefafmaa jiru wal dhabbee Iraan irratti waliigaltee tokkorra utuu hin gahin goolabame
Jilli Tiraamp sodaa basaasaa irraa kan ka’e Chaayinaa gadhiisuu isaa dura bilbilootaa fi kennaa barbadeessuun ibsame.
Sanyiin Vaayirasii Iboolaa Haaraa Talaallii Hin Qabne RDC Keessatti Tatamsa'aa Jiraachuun barame.
UK'n Hulaa Hormuuz eeguuf diroonii, jeettiifi meeshaa waraanaa biroo akka ergitu beeksifte.