Yunaayitid Isteet qoqqobbii waraanaa Itiyoophiyaarra keessee turte kaafte.!

Published May 14, 2026, 8:08 a.m. by FNN Staff

38



ODUU FNN

Ameerikaan qoqqobbii meeshaa waraanaa Itiyoophiyaarra keessee turte kaasuu beeysifte. 

Qoqqobbiin kun ka'uu kan beeysise Ministeera Dhimma Alaatti Daayirektoreetii to'annoo fi daldala meeshaa waraanaa Ameerikaati.

Daayirektoreetiin kun ibsa Caamsaa 11/2026 baaseen akka ibsetti imaammata uggurrii hordofu kaasuu fi hojiirra oolmaa heyyamawwan Itiyoophiyaa wajjin wal qabatan Danbii to'annoo daddabarsa meeshaa waraanaa idil-addunyaa (ITAR) jalatti keessa deebiin ilaalaa jiraachuu beeysise.

Kana hordofee aa-kaluutti dambii fooyya'ee bahu, danbii to'annoo daddabarsa meeshaa waraanaa idil-addunyaa -ITAR 126.1 keessaa maqaan Itiyoophiyaa akka ''haqamu'' eereera.

Danbiin kun, biyyoota qoqqobbii Ameerikaa jala jiran murtaa'an, meeshaalee waraanaa fi tajaajiloota walfakkaatan raayyaa ittisa biyyaatiif, poolisiif, caasaa nageennaa fi kaaniif alaa akka hin galchinee fi gara alaa akka hin ergine kan dhoorguudha.

Itiyoophiyaan waraana Tigraayin wal-qabatee, Fulbaana 2021 kaasee kan qoqqobbiin irra kaayame.

Itiyoophiyaan waggoota darban meeshaalee waraanaa baay'inaan kan bitaa turte Raashiyaa, Chaayinaa, Tarkii, UAE fi Iraan irraa ta'uu ragaaleen ni agarsiisu.

Qoqqobbii kun Itiyoophiyaarraa ka'uun isaa yeroo ifoome kun, kaaba Itiyoophiyaa, Tigraayitti muddamni yeroo hammaate, Itiyoophiyaa fi Eertiraa akkasuma Itiyoophiyaa fi Suudaan jidduutti akkasuma muddamni uumamee jirutti.

Ameerikaan Itiyoophiyaarra qoqqobbii keessee turte sababni kaafteef maal akka ta'e hin eerre.

Ta'ullee daayirektoreetiin daldalaa fi to'annoo meeshaa waraanaa qoqqobbiin kun kaafamuu kan ibse ministirri dhimma alaa Itiyoophiyaa Dr Geediyoon Ximootewoos gara Waashingtan imaluun gita isaanii Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo waliin dhimmoota waloo fi haala gaanfa Afrikaa irratti mari'achuu isaanii hordofeeti.

Ministiroonni Dhimma Alaa lamaan marii isaaniitiin, walitti bu'iinsa Gaanfa Afrikaatti muudatan furuu fi muddama hir'isuu keessatti "gahee murteessaa Itiyoophiyaan taphattu" irratti xiyyeeffachuun mari'achuu isaanii Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa beeysiseera.

Kana malees, tumsa nageennaa biyyoota lamaanii, carraawwan daldalaa guddisuu, akkasumas dhimmoota "Galaana Diimaa fi Nageenna Naannoo Galaanaa" irratti bal'inaan mari'ataniiru.

Maarko Ruubiyoo qaamaan Dr Geediyoon waliin wal qunamanii mari'achuun dura, guyyuma sana ministira muummee Itiyoophiyaa Dr.Abiyyi Ahimad waliin dhimma tasgabbii naannichaa, tumsa farra shororkeessummaa, diinagdee fi nageenna Gaanfa Afrikaa irratti bilbilaan mari'ataniiru.

Aangawoonni Ameerikaa fi Itiyoophiyaa kunneen haala naannoo Galaana Diimaa dabalatee dhimmoota adda addaa irratti mari'achuu fi uggura meeshaa waraanaa Itiyoophiyaarraa kaasuu dursee, Ameerikaan guyyoota dura uggura meeshaa waraanaa Eertiraa irra keessee turte kaasuuf karoorfachuu isii gabaafamee ture.


Similar posts:

UK'n Hulaa Hormuuz eeguuf diroonii, jeettiifi meeshaa waraanaa biroo akka ergitu beeksifte.

Tiraamp Beejing gahe, Chaayinaan dhaabbilee US'f banaa akka taatu nan gaafadha jedhe.

Tajaajilli Elektriika Itiyoophiyaa Hojjettoota 1,100 ol irratti tarkaanfii bulchiinsaa fudhate

Lammiileen sababa Hongeetiin Godina Harargeetii kaafamaan rakkoo hamtuu keessa jiraachuun barame.