Tajaajilli Elektriika Itiyoophiyaa Hojjettoota 1,100 ol irratti tarkaanfii bulchiinsaa fudhate
Published May 13, 2026, 3:43 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Tajaajilli Elektriika Itiyoophiyaa (EEU) hojjettoota 1,139 raawwii hojii badaa fi naamusa hojiirra darbuun himataman irratti ji’oota saglan darban keessatti tarkaanfii bulchiinsaa garaagaraa fudhachuu beeksise.
Akkaataa tarkaanfii fudhatame kanaan, hoggantoota fi hojjettoota tarkaanfii kanaan hammataman keessaa; 16 Hojiirraa geggeeffamaniiru, 721 Adabbii qarshii (mallaqaa) irratti murtaa’eera, 402 Akeekkachiisni barreeffamaa kennameeraaf.
Dhaabbatichi akka ibsetti, tarkaanfiiwwan fudhataman keessaa; 103 kan ta’an eeruu maamiltootaan dhiyaate qulqulleessuun kan fudhatamedha.1,036 immoo ragaa dhaabbatichi ofii isaatiin hordoffii fi sakatta’iinsa taasiseen kan mirkanaa’anidha.
Tajaajilli Elektriikaa akka eereetti, ji’oota saglan darban keessatti maamiltoota irraa karaa appilikeeshinii ammayyaa ittiin malaammaltummaa gabaasan (Corruption Reporting App) fi karaalee birootiin eeruun 427 dhiyaateera. Eeruu kanaanis hoggantoota fi hojjettoota 103 irratti tarkaanfiin inni fudhate; 14 Akeekkachiisa barreeffamaa, 80 Adabbii miindaa, 2 Sadarkaa hojiirraa gadi buusuu fi 7 Hojiirraa geggeessuu akka ta’ellee dabalee eere.
Dhimmoota malaammaltummaa fi raawwii badaa ittiin gabaasaman keessaa ijoonis, Gaaffii lakkooftuu (counter) haaraa, addaan cituu humna ibsaa fi suphaa ariifachiisaa, dubbisa lakkooftuu fi sassaabbii kaffaltii (bill), Kufinsa fi qabiinsa qabeenya dhaabbatichaati jedhamee jira.
Dhaabbatichi akka jedhetti, kunis maamiltoonni eeruu kennuun malaammaltummaa irratti qabsaa’uuf kutannoo qaban kan agarsiisuu fi sirni eeruu fudhachuu dhaabbatichaa bu’a qabeessa ta’uu isaa kan mirkaneessudha.
Similar posts:
Tiraamp Beejing gahe, Chaayinaan dhaabbilee US'f banaa akka taatu nan gaafadha jedhe.
Lammiileen sababa Hongeetiin Godina Harargeetii kaafamaan rakkoo hamtuu keessa jiraachuun barame.
Gareen ABUT Dabratsiyoon Gabramikaa'eeliin hoogganamu mootummaa Tigraay waraana Kaaba Itoophiyaa dura ture jedhe deebisuu har'a ifoomse.
Baqattonni Itoophiyaa 65 Sa'uudiitti du'a eeggataa jiran birmannaa gaafatan