Jiddugaleessa galaana Meditiraaniyaanii keessatti bidiruun godaantoota feetee turte garagaluun lubbuun namoota 70 olii darbe.

Published April 7, 2026, 12:28 p.m. by FNN Staff

164



ODUU FNN

Bidiruun gara namoota 105 fe’attee turte Sambata darbe Liibiyaa irraa erga kaatee booda jiddu galeessa galaana Meditiraaniyaanii keessatti dhidhimuunsii dhagahameera. 

Dhaabbileen miti mootummaa Mediterranean Saving Humanity fi Sea-Watch jedhaman reeffi namoota lamaa kan baafamee fi yoo xiqqaate namoonni 70 ammoo achi buuteen isaanii dhabamuu ibsaniiru. 

Jiddugaleessa galaana Meditiraaniyaanii keessatti bidiruun godaantota fe’attee garagaltee lubbuun namoota 70 ol du’uu isaanii Sea-Watch fi Mediterranean Saving Humanity miidiyaa hawaasummaa isaatiin beeysiseera. 

Sambata waaree booda bidiruu namoota 105 fe’attee Liibiyaa irraa kaate keessaa namoonni 32 baraaramanii jiru. 

Reeffi namoota lama kan baafame yoo ta'u, kanneen hafan achi buuteen isaanii dhabameera. 

Dhaabbanni miti mootummaa Mediterranean Saving Humanity jedhamu fuula miidiyaa hawaasaa isaa irratti akka barreessetti balaan kun kan muudate naannoo barbaacha fi baraarsaa aangawoota Liibiyaan gaggeeffamu keessatti akka ta'e barreessee jira. 

Namoonni lubbuun hafan dooniiwwan daldalaa lamaatiin baraaramanii gara odola Xaaliyaanii Lampedusaatti geeffamaniiru. 

Seera galaanaa idil-addunyaa jalatti dooniiwwan nama balaa galaana keessatti liqimfamuu danda’u kamiifuu qarqaarsa gochuun dirqama. 

Viidiyoon qilleensarraan Sea-Watch maxxansee namoonni lama qaama bidiruu garagalte kanaatti maxxananii doonii daldalaa keessaa tokkotti rarra'an ni agarsiisa. 

Dhaabbanni Meditiraaniyaanii Saving Humanity balaa kana “bu’aa imaammata mootummoonni Awurooppaa godaantotaaf daandii nageenna qabuu fi seera qabeessa ta’e banuu diduudhaan” jechuun ibseera. 

Odola jiddu galeessaa Meditiraaniyaanii Lampedusa — kaaba Liibiyaa fi kibba lafa guddittii Xaaliyaanii — godaantota Kaaba Afrikaa irraa Awurooppaa dhaquuf yaalan bakka ijoo ta’uun beekamti. 

Jalqaba bara 2026 irraa eegalee yoo xiqqaate godaantotni 683 du’uu ykn dhabamuu isaanii Dhaabbanni godaantota Mootummoota Gamtoomanii IOM ibseera. 

Akka mootummaan Xaaliyaanii ibsutti, yeroo wal fakkaataa keessatti namootni 6,175 dachee Xaaliyaanii galaniiru.


Similar posts:

Pirezidaanti Tiraampi Doonii Iiraan to’annoo jala oolchuu isaanii beeksisuu hordofee gatiin boba’aa daballii agarsiise

TPLF bulchiinsa yeroo Tigraay Jen. Taaddasaan durfamu diiguun kaabinee waraanaan dura tureen akka bakka buusu ibse

Tuurkiin xiyyaarota waraanaa F-16 gara Soomaaliyaa Moqaadishootti bobbaafte

Gatiin boba'aa torbanoota dhufan keessatti sadarkaa ol'aanaa galmeessuu akka danda'u himame!