Tuurkiin xiyyaarota waraanaa F-16 gara Soomaaliyaa Moqaadishootti bobbaafte
Published April 15, 2026, 3:22 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Yeroo mootummaan federaalaa Soomaaliyaa to'annoo isaa cimsaa akkasumas mormii naannolee irraa ka'u qolachuuf socho'aa jirutti, Tuurkiin xiyyaarota waraanaa F-16 Moqaadishoo keessa qubsiisuun deeggarsa waraanaa biyyattiif taasistu haala olaanaan dabaluun ishee ibsameera.
Dhaabbanni odeeffannoo waraanaa "Janes" jedhamu jalqaba irratti kan gabaase yoo ta'u, naannichatti Tajaajilli Oduu Gaarowee akka Ebila 14 gabaasetti, sochii xiyyaarota kanaa hordofee bu'uuraalee misoomaa baatiiwwan darbaniif Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Adaan Aadee keessatti gaggeeffamaa ture, kan akka bakka qubannaa addaafi suphaa xiyyaarota waraanaa dabalatee xumuramuu ibsaniru.
Hoggantoonni Turkii akka ibsanitti, xiyyaaronni kunneen hojii farra shororkeessummaa garee al-Shabaab irratti gaggeeffamu cimsuuf, akkasumas nageenya galaanaa eegsisuu, keessumaa hojii qorannoo boba’aa galaana Somaaliyaa keessatti gaggeeffamaa jiru waliin walqabatee, tajaajila kan kennani ta’u eeraniru.
Jeetonni waraanaa ammayyaa kun Moqaadishoo kan gahan yeroo biyyattiin walidhabee siyaasa keessoo keessa jirtudha. Torbanoota darban keessa humnoonni federaalaa bulchiinsa naannoo Kibba Lixa irratti haleellaa waraanaa raawwachuun, mormituu cimaa kan filannoo irratti "namni tokko sagalee tokko" jechuun Pirezidaant Haasan Sheek Mahaammad qeeqa turan, hogganaa naannichaa Abdi-aziiz Laaftagaariiniin aangoo irraa fonqolchaniru.
Ministiirri Ittisaa Soomaaliyaa Ahmad Muaallim Fiiqii dhiheenya kana ibsa kennaniin, raayyaan ittisa biyyaa bulchiinsa naannolee qajeelfama federaalaa cabsaniif ammaan booda obsaa akka hin qabne beeksisaniiru. Itti dabaluun, raayyichi daangaa biyyattii hunda akka eeguufi naannoo aangoo mootummaa federaalaa mormukammiyyuu gidduu akka seenuu ajajni kennamuu ifoomsani jiru.
Similar posts:
Walga’iin biyyoottan miseensa Biriiks (BRICS) Deelhiitti gaggeefafmaa jiru wal dhabbee Iraan irratti waliigaltee tokkorra utuu hin gahin goolabame
Qabsoo Oromoo keessatti aarsaa guddaa kan kafalan obbo Waldayohaannis Hundee du'aan addunyaa kana irraa boqotan.
Jilli Tiraamp sodaa basaasaa irraa kan ka’e Chaayinaa gadhiisuu isaa dura bilbilootaa fi kennaa barbadeessuun ibsame.
Sanyiin Vaayirasii Iboolaa Haaraa Talaallii Hin Qabne RDC Keessatti Tatamsa'aa Jiraachuun barame.