Hirmaannaan sivilii Marii Berlin Irratti mul’achun jijjiirama guddaadha jedhan Ministeeri Muummee Sudaan duraanii Abdalla Hamdok

Published April 14, 2026, 1:28 p.m. by FNN Staff

298



ODUU FNN

Ministeeri Muummee Sudaan duraanii Abdallaa Hamdok, yeroo waggaa sadaffaa waraana Sudaan sababeeffachuun magaalaan Berliin konfaransii keessummeessuuf qophaa’utti jirtutti, sagaleen jiraattotaa karaa seera qabeessa ta’een carraaqqii idil-addunyaa waraana adeemsifamaa jiru dhaabsisuuf taasifamu keessatti yeroo jalqabaaf dabalamaa jiraachuu dubbatan.

Konfaransiin ministeerota idil-addunyaa Sudaan irratti xiyyeeffatu kun Ebla 15 kan  gaggeeffamu yoo ta’u, Kunis yaa’ii bara 2024 waggaa 1ffaa waraanichaa ilaalchisuun Paariisitti fi bara 2025 waggaa 2ffaa ilaalchisuun Laandanitti gaggeeffaman hordofee kan dhihaatedha. Mariiwwan darban lamaan dhukaasa dhaabuu yookiin furmaata siyaasaa amansiisaa ta’e uumuu hin dandeenye.

Jarmanii, Gamtaa Afriikaa, Gamtaa Awurooppaa (EU), Faransaay, Yuunaayitid Kiingidam (UK) fi Ameerikaan waliin ta'uun konfaransii kana ni qopheessu. Sagantaa kan irratti Ministeeronni dhimma alaafi qondaaltonni biyyootafi dhaabbilee kanneenii akka, bakka bu'oota Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN), dhaabbilee gargaarsa namoomaa gurguddoofi hirmaattota hawaasa siivilii Sudaan  Berlinitti ni argamu jedhamee eegama.

Obbo Hamdok, hirmaannaan siiviliotaa marii Berlin kana irratti mul’achuun isaa konfaransiiwwan kanaan dura kan siivilionni irratti hin hirmaanne irraa adda akka taasisu ibsaniru.

Magaalaa Berlin deemuun dura gaaffiifi deebii bilbilaan  Ze Naashinaali waliin taasisaniin, 'Waraana kanaaf furmaanni amansiisaan jiru karaa adeemsa siyaasaa hundee irraa sababa walitti bu’iinsa kanaa furuun qofa,' jedhan. Itti dabaluun, Jilli siivilii dhimmoota akka gargaarsa namoomaa dhiyeessuu, namoota nagaa eeguufi adeemsa siyaasaa waraana kana dhaabsiisu irratti dhiibbaa ni taasisu jedhanii kan eegamu ta’u dubbataniiru.

Dabalanis jalqabaa irraa kaasee waraana kanaaf furmaanni waraana hin barbaachisu  dubbachaa turre, kan jedhan Hamdok, gareen tokkolleen injifannoo guutuu gonfachuu hin danda’u. Bakka bu’oonni siivilii bal’aa waraana kana mormaniifi nagaa labasn walitti fiduun, ibsa ejjennoo tokko ni baasna jennee eegna.” jedhaniru

Waraanni kun kan jalqabe baatii Ebla bara 2023 yoo ta’u, kunis waldhabdeen Humna Waraana Sudaan (SAF), kan Jeneraal Abdel Fattah Al Burhaniin durfamuufi  Garee Finciltoota Raappid Saappoort Foorsis (RSF) kan Jeneraal Hamdaan Dagaloo durfamu gidduutti uumame  gara waraanaatti erga jijjiiramee boodadha.


Similar posts:

Xiyyaarota waraanaa US yeroo waraanaa Iraan barbadeessite ilaalchisee gabaasni haaraan bahe.

Walga’iin biyyoottan miseensa Biriiks (BRICS) Deelhiitti gaggeefafmaa jiru wal dhabbee Iraan irratti waliigaltee tokkorra utuu hin gahin goolabame

Qabsoo Oromoo keessatti aarsaa guddaa kan kafalan obbo Waldayohaannis Hundee du'aan addunyaa kana irraa boqotan.

Jilli Tiraamp sodaa basaasaa irraa kan ka’e Chaayinaa gadhiisuu isaa dura bilbilootaa fi kennaa barbadeessuun ibsame.