Aanga'aan Iraan mariif Islaamaabaad jiru, 'faara gaarii qabaannus amantaa garuu hin qabnu' jedhe!

Published April 11, 2026, 1:23 p.m. by FNN Staff

282



ODUU FNN

Mariin nagaa Iraaniifi US jidduutti Paakistaanitti gaggeefamu har'a jalqabuu dura garas kan imale bakka bu'aan Iraan mariif faara gaarii qabaatanis amantaa garuu akka hin qabne dubbate. 

Jila marii nagaa Iraan kan dursu af-yaa'iin Paarlaamaa Iraa Mohaammad Bageer Gaaliibaaf Islaamaabaad galuu booda yaada kenneera. 

''Faara gaarii qabna garuummoo amantaa hin qabnu'' jedhe. 

Muuxannoon marii nagaa amma dura Ameerikaa waliin qabaanne hanqinootaafi waadaa cabsuun kan guutameedha'' jechuunis dubbatuu BBC'n gabaaseera. 

Guyyaa kaleessaa Pireezidaant Tiraampi tarii mariin kun yoo milkaahuu baateef lola hamaatti galuuf dooniisaaniitti meeshaa waraanaa fe'aa jiraachuu dubbatanii turuun ni yaadatama. 

Pireezidaantii itti aanaan JD Vaansi ammoo Iraan UStti akka hin qoosne akeekkachiisan.


Similar posts:

Puutiin Raashiyaan Awurooppaaf balaa taatee hin beeytu, har’as yaaddoo miti jedhan.

Amineestiin ‘Kakuu Miidiyaa’ Boordii Filannoo Itoophiyaan qophaaye aggaammii gabaasa bilisaa irratti xiyyeeffate jechuun balaaleffate

Xiyyaarota waraanaa US yeroo waraanaa Iraan barbadeessite ilaalchisee gabaasni haaraan bahe.

Walga’iin biyyoottan miseensa Biriiks (BRICS) Deelhiitti gaggeefafmaa jiru wal dhabbee Iraan irratti waliigaltee tokkorra utuu hin gahin goolabame