Walitti bu’iinsa Sudaan Kibbaan namootni kuma dhibbaa ol Itoophiyaatti baqachuun gabaafame
Published March 19, 2026, 12:29 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Ajaja waraanni Sudaan Kibbaa magaalaa garee Finciltootaan qabamte Akooboo akka gadi lakkisaniif baase hordofuun, namoonni kuma 100tti tilmaamaan daangaa qaxamuruun gara Itoophiyaatti baqachuu Gamtaa Mootummootaatti Dhaabbanni Gargaarsa Daa’immanii (UNICEF) beeksise.
Magaalaan Akooboo, naannoo Joongili bahaatti kan argamtu yoo taatu, waraana mootummaafi Finciltoota gidduutti ka’een guutumatti gara waraana siiviliitti deebi’uuf qarqara jirti. Waraanni biyyattii Bitootessa 6 irraa eegalee dhaabbilee gargaarsaa alaa dabalatee namoonni hundi magaalattii akka gadi lakkisan bahan ajajeera.
Waraanni biyyattii ergasii Akooboo to’annoo jala oolchuu isaa dubbatus, haala qabatamaa lafa irratti jiru ilaalchisee gabaasni wal-faallessu dhiyaachaa jira, kunis sababa quunnamtiin addaan citeef mirkaneessuun hin danda’amne.
Maddi qaama nageenyaa tokko dhaabbata oduu Faransaay ‘Agence France-Presse (AFP)tti akka himetti, waraanni biyyattii buufata waraanaa Akooboo keessatti argamu to’annoo jala oolchuu isaafi naannoo sana naannoo dahannoo gochuu jecha gamoowwan naannoo sana jiran diiguu isaa himeera. ta’us gabaasni kuni ragaa qulqulluun ammatti hin mirkanoofne.
Dhaabbanni gargaarsa daa’immanii kan Mootummota Gamtooman akka jedhetti, naannoo Joongilli keessatti sababa jeequmsaafi waraanni hammaachaa jiruun 'haalli daa’immanii daran akka cimuu taasiseera jedha.
Kanaanis 'Namoonni tilmaamaan 100,000 ta’an daangaa qaxamuruun gara Itoophiyaa seenaniru kaan immoo naannoo Joongilifi Naayil olii keessatti gara bakkeewwan nageenya amansiisoo ta’anitti socho’uu ifoomse.
Namoonni Hospitaala Akoobootti kanaan dura dhukkubsataniifi madaa’anii akka iddoo tasgabbii tajaajilaa ture keessatti yaalamaa turan hundi magaalattii gadi lakkisaniiru. Hospitaalli sun erga saamamee booda cufamuu isaa gabaasni mirkanaa’aan ni agarsiisa. Daa’imman buqqaatti gidduutti hammi hanqina nyaataa baayee 'yaaddessaa' ta’uu isaas dhaabbatichi beeksiseera.
Bara kana qofa naannoo Joongili keessatti tajaajiloonni fayyaafi nyaataa 28 saamamuun, diigamuun ykn cufamuun isaanii gabaafameera, kunis yeroo naannichi dhukkuba koleeraan weeraramaa jiru kanatti ta’uun isaa dhaabbatichi beeksisera.
Similar posts:
Lammileen #Afriikaa_Kibbaa alaabaafi shimala qabatanii manarra demuun #godaantota manaa baasaa jiraachuun gabaafame
Naannoo Tigraay keessatti daa’imman dabalatee lammiileen lammiilee humnaan bobbaafamaa jiru”: Human Rights Watch ********* Angawoonni naannoo Tigraay daa’imman umuriin isaanii waggaa 15 gadi ta’e dabalatee namoota nagaa butatanii humnaan waraana kan
Humnoonni Finciltootaa Raappid Saapporti Foorsis #RSF #Sudaan keessatti yakka duguuggaa sanyii raawwachuun ibsame
ODUU TORBAN KANAA.