Humnoonni mootummaa Ummata nagaa Ajjeesaa, Hidhaa fi Dararaa gara garaatiif saaxilaa jiraachuun barame. Finxaaleyyiin Faannoo Ummata Oromoo Walloorratti ajjeechaa raawwachaa jiraachuun barame

Published Feb. 8, 2026, 4:03 p.m. by FNN Staff

367



ODUU FNN

 

#, Lixa Wallaggaa Aanaa Mana Sibuutti dargaggoon tokko shiftoota maafiyaa PP'n ajjeefamuun ibsame

 

Godina Lixa Wallaggaa, Aanaa Mana Sibuu keessatti ajjeechaan nama nagaa irratti raawwatamuun gabaafame.

 

 Akka odeeffannoon argame ibsutti dheengadda Guraandhala 5,2026, Aanaa Mana Sibuu, jiraataa ganda Dangii kan ta'e dargaggoo Yoonaas Dinagdee Abaataa kan jedhamu shiftoonni waraana PP guyyaa tokko guutuu bosona keessa dhokachaa ooluun osoo inni daandii gubbaa deemuu ganda Oborraa Qilxuu bakka addaa Goobanii jedhamutti rasaasa itti roobsuun ajjeesanii deemuun ibsameera.

 

Dargaggoon kun badii yakkaa kamiyyuu kan hin qabne, siyaasaa kamirraayyuu walaba kan ta'e, akkasumas naannoo isaa keessatti nama amala gaarii qabuu fi hojii dhuunfaa isaa qofarratti xiyyeeffatee jiraatu akka ta'e jiraattonni himan.

 

Kana malees, loltoonni namummaa dhaban kunneen, aanaadhuma kana gandoota adda addaa irratti gochaalee suukkanneessaa uummata Oromoo irratti raawwachaa jiraachuun isaanii gabaafamee jira.

 

Gochawwan kunneen saamicha qabeenyaa, reebicha qaamaa hamaa fi ajjeechaa namoota nagaa dabalatee, irra deddeebi'anii gochaa safuu uummata cabsu raawwachaa jiraachuu jiraattonni naannichaa maddeenitti himanii jiru.

''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''

Godina Walloo Aanaa Harxummaa Furseetti dhukaasa uummata irratti shiftoonni Amaaraa maqaa "Faannoo"jedhuun of waaman bananiin daa'imni ganna 14 tokkoo mada'uun, loowwan uummataa hedduun ajjeefamuun barame.

 

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee bakka addaa "Abaandiraa" jedhamutti Guraandhala 6,2026 gara galgalaa dhukaasa humni badiin Finxaaleyyii Amaaraa Faannoon riphanii ba'uun daa'imman loon tiksaa jiran irratti bananiin, daa'imni ganna 14 tokko madaa'uu fi loowwan uummataa hedduun ajjeefamuu jiraattonni maddeenitti himan.

 

Akka jiraattonni jedhanitti, daa'imni maqaan isaa Arabuu Hassaannee jedhamu osoo loowwan tiksaa jiruu rasaasaan akka madaa'e himuun, shiftoonni Finxaaleyyii kunneen loowwan hedduu bakka isaan tikfamaa jiranitti ajjeesanii deemuu dubbatu.


Similar posts:

Hirmaannaan sivilii Marii Berlin Irratti mul’achun jijjiirama guddaadha jedhan Ministeeri Muummee Sudaan duraanii Abdalla Hamdok

Chaayinaan murteen Yuunaayitid Isteetis Ulaa Hormuuz cufuuf dabarsite “gocha hamaafi kan itti gaafatama hin qabne” jechuun walii galteen dhukaasa dhaabuu ariitiin akka taasifamu gaafatte

Birriin Itoophiyaafi Paawundiin Sudaan Kibbaa maallaqa addunyaa humna bittaa dadhabaa qaban keessatti ramadaman

Raashiyaan Daa'imman Umurii waggaa 3tti meeshaa Waraanaa akka baratan ajajje!