Ministirri muummichaa har'a miseensota paarlaamaatiif dhimmoota dinagdee, siyaasaa fi diippiloomaasii irratti ibsa bal'aa kennaniiru.
Published Feb. 3, 2026, 3:28 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Mootummaa Eertiraa waliin waldiddaan kan jalqabame yeroo waraana kaaba Itoophiyaa loltoonni Eertiraa magaalota Tigraayitti saamicha, mancaatii fi lubbuu namaa dabarsuu raawwachuu isaaniitiin akka ta'e ministirri muummee Abiy Ahimad himan.
Ministirri muummichaa har'a miseensota paarlaamaatiif dhimmoota dinagdee, siyaasaa fi diippiloomaasii irratti ibsa bal'aa kennaniiru.
Ministirri muummee Abiy Ahimad wayituma kana waan jedhan, kaayyoon mootummaa Eertiraa Tigraay mancaasuu fi Adda Bilisummaa Uummataa Tigraay balleessuu ture.
Kanaanis yeroo waraana kaabaa raayyaan ittisa biyyaa magaalota Tigraayii humnoota Tigraay yeroo baasu loltoonni Eertiraa sana hordofanii magaalaa seenanii saamicha, mancaatii fi gochaa lubbuu balleessuu raawwataa turan jedhan.
Kunis magaalota Shiree, Aksum fi Addigraatitti raawwatamuu eeranii, gochaa loltoota Eertiraa kana dhaabsisuuf mootummaan Itoophiyaa yaalii guddaa godhuu himan.
Gochaa kana dhaabsisuuf hanga Asmaraatti ergamaa addaa yeroowwan garaagaraa erguutti gahamee akka ture eeran.
Haalli kun milkaa'uu yeroo didu raayyaan ittisa biyyaa yeroo magaalaa Maqalee seenu loltoonni Eertiraa akka hin seenne goonee jedhan Ministirri muummee Abiy Ahimad.
Sababa kanaatiin magaalaa Maqaleetti saamichii fi mancaatiin akka hin geenye himaniiru.
Mootummaan Eertiraa Tigraay mancaasuu fi ABUT balleessuu kaayyoo akka qabu eeranii, waliigalteen Piriitooriyaa kaayyoo mootummaa Eertiraa kana fashalsiisuu isaatiin mootummaan Eertiraa garmalee akka mufate ibsan.
Raayyaan ittisa biyya deebi'ee magaalaa Maqalee to'achuuf wayita jedhutti waliigalteen Piriitooriyaa mallattaa'uun ittuu Eertiraa dallansiisuu dubbatan.
Ka'umsi waldhabdee akka amma jedhamu dhimma ulaa galaanaa hin turre jedhan.
Sanas ta'ee garuu Itoophiyaan dhimma ulaa galaanaa argachuu ammas akka itti jirtu himanii, karaa kamiinuu ni milkeessinaa jedhan ministirri muummee Abiy Ahimad.
Similar posts:
Lammileen #Afriikaa_Kibbaa alaabaafi shimala qabatanii manarra demuun #godaantota manaa baasaa jiraachuun gabaafame
Naannoo Tigraay keessatti daa’imman dabalatee lammiileen lammiilee humnaan bobbaafamaa jiru”: Human Rights Watch ********* Angawoonni naannoo Tigraay daa’imman umuriin isaanii waggaa 15 gadi ta’e dabalatee namoota nagaa butatanii humnaan waraana kan
Humnoonni Finciltootaa Raappid Saapporti Foorsis #RSF #Sudaan keessatti yakka duguuggaa sanyii raawwachuun ibsame
ODUU TORBAN KANAA.