Raayyaan Ittisa Biyyaa naannolee tokko tokkoo gad lakkisee ba’uun yaaddoo nageenyaa uumuun ibsame
Published Feb. 20, 2026, 2:05 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Torbanoota dhiyoo kana humnoonni nageenyaa federaalaa naannolee garaa garaa keessaa guutummaatti ykn gar-tokkeen ba’uu isaanii hordofee, jiraattonni naannichaa yaaddoo nageenyaa guddaa keessa akka jiran Addis Standard-itti himaniiru.
Jiraattonni kutaalee biyyattii garaa garaa keessatti argaman humnoonni federaalaa buufatawwan turan gadi lakkisanii ba’uu isaanii dubbataniiru. kunis, wal-dhabdee naannoo Tigraayi keessatti mullatuun walqabatee, irra deebiin kaaba biyyaatti waraanni ka’u akka danda’u tilmaamamaniru.
Naannoo Kibbaa Itoophiyaa Godina Gaardulaa, Aanaa Deraasheefi Naannoo Oromiyaa, Godina Qellem Wallaggaa, Aanaa Anfilloo keessatti jiraattonni Raayyaan Ittisa Biyyaa naannolee tokko tokkoo gadi lakkisee ba’uun qaawwa nageenyaa uumuu ibsaniru. Kunis sababa wal-dhabdee Tigraayitti ka’aa jiru irraa kan madde ta’uu akeekanii jiru. Gabaasitoonni dhaabbata Tajaajila Oduu Faransaayi irraa bahan immoo naannolee daangaa Tigraayitti sochiin humna waraanaafi yaaddoon jiraachuu ibsu.
Jiraattonni Aanaa Deraashee akka jedhanitti, humnoonni federaalaa torbaan tokkoon dura naannicha gadi lakkisanii ba’uu hordofee, gareewwan gurma’aan gidduutti waldhabdeen irra deebiin ka’eera. Jiraataan maqaan isaanii akka eeramu hin barbaadne tokko, “Yeroo Raayyaan Ittisa Biyyaa ture nagaadha jedhan. Garuu isaan naannicha gadi lakkisanii yommuu ba’an wal-dhabdeen deebi’ee ka’eera,” jechuun dubbate.
kanaan duraa Bara 2017 keessa diigamuu Godina Sagen hordofee gaaffiiwwan hammaa yoonaa deebii argachuu dhabuun rakkoo nageenyaa naannichaaf sababa ijoo ta’uu jiraataan kun ibseera. Kanaan dura Godinni Gaardulaa, Konsoo, Burjiifi Amaaroo hamatee kan ture erga diigamee booda, giddun hawaasota ollaa, keessattuu Konsoofi Deraashee, akkasumas Deraasheefi Gumaaydee gidduutti waldhabdeen hammaachaa dhufuu ibseera.
Akkasumas, Godina Qellem Wallaggaa, Aanaa Saayoofi Anfilloo keessatti duulli dargaggoota humnaan gara adda waraanaatti geessuu jiraachuufi humnoonni Raayyaa Ittisa Biyyaa meeshaa gurguddaa qabatanii gara Naannoo Gambeellaatti socho’aa akka jiran jiraattonni Addis Standard-itti himaniiru.
Humnooti nageenyaa naannicha gadi dhiisan bahu hordofee yaaddoon uumame naannolee tokko tokko keessatti gara wal-dhabdee hammaataatti jijjiirameera. Roobii darbe jiraattonni naannichaafi miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa akka ibsanitti, Godina Gaamoo aanaalee lama keessatti wal-dhabdee uumameen yoo xiqqaate namoonni 15 ajjeefamanii, kanneen biroon hedduun immoo madaa’aniiru. Wal-dhabdeen kun sababa gaaffii daangaa bulchiinsaafi wal-dhabdee hawaasota gidduu yeroo dheeraa tureera akka ka’e kan ibsan qondaaltonni, Raayyaan Ittisa Biyyaa wal-dhabdee kana ittisuuf naannichatti dhabamuun isaa qaawwa uumameef sababa ta’uu eeraniiru.
Gara Naannoo Tigraayitti immoo imalli raayyaa Ittisa Biyya bal’aan taasifamaa akka jiru odeeffannoon ba’aa jiru ni agarsiisa. Gabaasni AFP akka agarsiisutti, maddeen dippilomaasii dhihaa Raayyaan Ittisa Biyyaafi Humnoonni Tigraay gara daangaa naannichatti socho’aa jiraachuufi kunis yaaddoo waraanaa uumuu isaa ibsaniiru. Maddi tokko “Raayyaan Ittisa Biyyaa Tigraayiin marfamaa jira,” yoo jedhu, maddi Tigraay biraa immoo haala jiru “sochii humnaa waraana naannicha keessatti ol’aanaa” jechuun ibseera. Akkasumallee, “Hawaasni addunyaa qaamota walitti bu’iinsa kana keessatti hirmaatan irratti dhiibbaa godhu itti fufuu baannaan, garaagarummaa isaanii mariidhaan akka hiikan kan hin jajjabeessine yoo ta’e balaan waraanaa ni dabala” jechuun maddi Tigraay dabalee ibseera.
Naannoo Amaaraa, Godina Wallo Kaabaa, Magaalaa Qobbootti jiraattonni yaaddoon dabalaa dhufuufi humnoonni federaalaafi naannoo gara magaalattiitti galuu isaanii dubbataniiru. Jiraattonni akka jedhanitti, Raayyaan Ittisa Biyyaa dhiyoo kana karaa Afaar magaalatti kan gale yoo ta’u, Humnoonni Naannoo Amaaraas magaalatti keessatti heddumataniru. Kanaafi magaalattii keessatti yaaddoo babal’achaa jiru hordofee, hawaasni siivilii baankii irraa qarshii baasuufi wantoota bu’uuralee jireenya ittiin bitachuun kuffachaa akka jiran dubbatameera.
Paartiin(ABIN ) ykn Sosochii Biyyaalessa Amaaraa torban darbe ibsa baaseen, naannicha keessatti humnoota nageenyaa hiriiran bahuun hojiin seera kabachiisuu laafuun hawaasni siivilii gatii guddaa akka kaffalu gochaa jiraachuu eeruun, mootummaan federaalaafi naannichaa qaawwa nageenyaatiif xiyyeeffannoo addaa akka kennan gaafateera.
Kunis kan ka’e, Addi Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT)’n torban darbe ibsa baaseen, mootummaan federaalaa “humnoota isaa gara Tigraayitti sochoosaa jira” jechuun yoo himatu, “qophiin weerara waraanaa haaraa taasifamaa jira” jechuun akeekkachiisa kennuu isaa hordofee kan dhufedha. Ha ta’u malee, mootummaan federaalaa waa’ee raayyaa naannoolee gadi dhiise jedhame kana ilaalchisee hanga ammaatti ibsa ragaa irratti hundaa’e hin kennine.
Gochaawwan kunniin kan uumamaa jiran yeroo hariiroon Itoophiyaafi Eertiraa gidduu jiru haalaan xaxamaa dhufeetti. Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Dr. Geediyoon Xeemootiwoos gita isaanii kan Eertiraa Usmaan Saalaah Mohammadiif xalayaa barreessaniin, Eertiraan mirga abbaa biyyummaa Itoophiyaa sarbuufi gareewwan finciltootaa waliin tumsuun duula waraanaa gaggeessaa jirti jechuun himataniiru. Kanaaf immo, humnoonni Eertiraa hatattamaan daangaa Itoophiyaa keessaa akka ba’an gaafataniiru. Eertiraan garuu guyyoota lama booda deebii kenniteen, himannaa waraanni Eertiraa naannoo daangaa Itoophiyaa keessa socho’aa jira jedhu “sobaa” jechuun kufaa taasisuun kan yaadatamudha.
Similar posts:
Hirmaannaan sivilii Marii Berlin Irratti mul’achun jijjiirama guddaadha jedhan Ministeeri Muummee Sudaan duraanii Abdalla Hamdok
Chaayinaan murteen Yuunaayitid Isteetis Ulaa Hormuuz cufuuf dabarsite “gocha hamaafi kan itti gaafatama hin qabne” jechuun walii galteen dhukaasa dhaabuu ariitiin akka taasifamu gaafatte
Birriin Itoophiyaafi Paawundiin Sudaan Kibbaa maallaqa addunyaa humna bittaa dadhabaa qaban keessatti ramadaman
Raashiyaan Daa'imman Umurii waggaa 3tti meeshaa Waraanaa akka baratan ajajje!