Daangaa Itoophiyaafi Sudaan jidduutti haleellaa dirooniin namni tokko du’ee saddeet madaa’un gabaafame

Published Feb. 20, 2026, 1:52 p.m. by FNN Staff

411



ODUU FNN

Haleellaan diroonii Gurraandhala 19, 2026 magaalaa Kurmuk, naannoo Biluu Naayil Sudaan, daangaa Itoophiyaa waliin qabdu irratti raawwatame lubbuu nama tokkoo galaafachuufi namoonni saddeet ammoo madeessuu qondaaltonni mootummaa Sudaan ibsan.

Qondaalli mootummaa Sudaan tokko Tajaajila Oduu Faransaayiif, haleellaa kanaan manneen 16 barbadaa’uufi Magaalaan Kuurmuk yeroo ammaa to’annoo Raayyaa Ittisa Biyyaa Sudaan jala akka jirtu  himan.

Bulchaan magaalaa Kuurmuk Abdelatayi Mohammad al-Fiiqii, haleellaa kanaaf Humnoota Raappid Sappoorti Foorsii fi michoota isaanii, garee Sochii Bilisummaa Uummata Sudaan-Kaaba (SPLM-N) jedhaman itti gaafatamoo ta’uu ibsaniiru. RSF’ fi waraanni mootummaa Sudaan Eebla 2023 irraa eegalee wal waraansaa jiru.

Naannoon Biluu Naayil, waggoota dhiyoo keessatti dirree waraanaa cimaa keessaa tokko ta’ee kan ture yoo ta’u, yeroo ammaa haleellaa diroonii itti fufiinsa qabuun lubbuu namootaa galaafachaa jiraachuun ibsameera.

Lolli Sudaan keessatti adeemsifamaa jiru kun hanga ammaatti lubbuu namoota kuma kudhaniin lakkaa’aman galaafachuun, namoota miliyoona 11 ‘ol ta’an buqqisuun rakkoo namoomaa cimaa uumuu dhaabbileen idil-addunyaa garaa garaa gabaasa turan.

Tajaajilli oduu Faransaayi akka gabaasetti,  RSF’ Fulbaana bara darbe garee Sochii Bilisummaa Uummata Sudaan-Kaaba (SPLM-N) kan Abdulaziiz al-Hiiluun durfamu waliin tumsa uumuun naannolee daangaa irratti sochii isaanii jabeessaniiru.

Akkasumas, gareen Sochii Bilisummaa Uummata Sudaan-Kaaba, yeroo ammaa naannolee kibbaa Sudaan, Itoophiyaa fi Sudaan Kibbaa daangessan keessatti sochii waraanaa bal’inaan gaggeessaa jira.

Qondaalli mootummaa maqaan isaanii akka hin ibsamne gaafatan tokko akka jedhanitti, haleellaa dirooniin Kibxata halkan mana barumsaa Kuurmuk’ keessatti argamu irratti raawwatame tureen; namni tokko lubbuun darbuufi 8 madaa’uu mirkaneessaniiru.

Waraanni Sudaan amma biyyattii bakka lamatti qooduun; waraanni mootummaa naannolee giddugalaa, kaabaa fi bahaa to’ataa jira,  RSF’ fi michoonni isaanii ammoo kutaalee dhihaa fi kibbaa irratti ol’aantummaa qaban. Naannoon Kibba Koordofaan, keessattuu gaarreen Nuubaa, yeroo ammaa dirree waraanaa hamaa keessaa tokko ta’uun ibsameera. 


Similar posts:

Birriin Itoophiyaafi Paawundiin Sudaan Kibbaa maallaqa addunyaa humna bittaa dadhabaa qaban keessatti ramadaman

Raashiyaan Daa'imman Umurii waggaa 3tti meeshaa Waraanaa akka baratan ajajje!

Aanga'aan Iraan mariif Islaamaabaad jiru, 'faara gaarii qabaannus amantaa garuu hin qabnu' jedhe!

Dhimma Barattoota Dubaraa Musliimaa fi Falmii Niqaabaa - Yuunivarsiitii Finfinnee