Godina Harargee Bahaa ona Cinaaksanitti hidhattoonni naannoo Somaalee ummta oromoorratti haleellaa banuu jiraattonni maddeenitti himan.

Published Feb. 18, 2026, 3:37 p.m. by FNN Staff

522



ODUU FNN

Jiraattonni maddeeniif yaada isaanii kennan akka jedhanitti araddaa Koraa Daawwee bakka addaa Daarimuu jedhamutti haleellaan uummata irratti kan baname ta'uu himuun,

Haleellaa hidhattoota kanneeniin daa'imni Firoomsaa Naasir Mohaammad jedhamu lubbuun darbe jedhan.

 

Daa'imni biraa Yaasiin Jamaal Husseen jedhamu immoo halleellaa Kanaan miidhamuu jiraattonnimaddeenitti himanii jiru.

 

Hidhattoonni mootummaan naannoo Somaalee bobbaase kunneen beeladoota 180 caalaa humnaan fudhatanii deemus jiraattonni maddeenitti himanii jiru.

 

Itti dabaluunis jiraattonni maddeeniif yaada kennan akka jedhanitti, Mootummaan naannoo Somaalee ona Cinaaksan seenee araddaawwan Daarimuu fi Biyyoo jedhaman irratti ona lama ijaarrate jechuun ifoomsanii jiru.

 

Kan araddaa Biyyoo irratti ijaarratan Raayyaan Ittisa Biyyaa kaasisuu himanii, kan araddaa Daarimuu irratti ijaarratan garuu ammallee humna addaa bobbaasee mootummaan naannoo Somaalee eeggataa akka jiru dubbatan.

 

                 Dhimmoota filannoo

 

Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa Komii Filannoo irratti ka’an  hatattamaan deebii akka kennu ibse

 

Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa komii yeroo filannootti ka’u bu’uura seeraatiin hatattamaan deebii kennuuf ciminaan kan hojjatu ta’uu beeksise.

 

Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa waliin ta’uun komii yeroo filannoo mudatan furuu irratti abbootii murtii federaalaafi naannoo leenjisuu akka eegalu Pireezidaantiin Mana Murtii Waliigala Obbo Tewodroos Mihirat bsaniiru.

 

Pirezidaantichi akka jedhanitti, yeroo adeemsa filannoo komiiwwan ka’aniif deebii haqaa saffisaan kennuu keessatti gaheen abbootii seeraa guddaadha jedhan. Filannoon adeemsa Lammileen mootummaa isaan bulchu ittiin filatan waan ta’eef, adeemsichi haqa qabeessa, bilisaafi walaba ta’ee akka xumuramuuf gaheen isaanii olaanaa ta’uu hubachiisaniiru.

 

Gama biraatiin, Itti Gaafatamtuun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa, Meelaatworqi Haayiluu, boordichi haala filannoo waliigalaa 7ffaa gaggeessuuf qophii barbaachisaa ta’e taasisaa jiraachuu ibsaniiru.

 

Filannoon haqa qabeessa ta’ee akka xumuramuuf labsiiwwan seeraa irratti hubannoo gahaa qabaachuun barbaachisaa ta’uu ibsanii, leenjiin kun qaamolee komii dhiyeessaniifi qaamolee furmaata kennan jidduutti hubannoo walfakkaataa uumuuf faayidaa guddaa qabaachuu eeraniru.

 

Leenjiin kun guyyoota sadiif kan itti fufu yoo ta’u, hayyoonni damee Yuunivarsitii Finfinnee, ogeeyyiin boordii filannoofi mana murtii olaanaa irraa abbootiin seeraa leenjii kennaa  jiru. Sagantaan kun marsaa sadiin kan gaggeeffamu yoo ta’u, walumaa galatti abbootiin seeraa 150 hirmaachaa  akka jiran gabaasni hubachiseera.

 

                      Dhimmoota godaantotaa

 

Lammiilee Itoophiyaa dabalatee godaantotni hedduun Liibiyaa keessatti yakka saal-qunnamtiin miidhamaniiru jedhe gabaasni Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii.

 

Gabaasichi lammiilee Itoophiyaa 45 ta'an waliin afgaaffii taasiseera..Gabaasni haaraa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii akka agarsiisutti godaantota Itoophiyaa dabalatee biyyoota hedduu irraa gara Awurooppaatti imaluuf Liibiyaa keessatti darban achitti dirqiin gudeedamuun, dirqiin daldala saalqunnamtiif saaxilamuu, hojii humnaa hamaa fi dararaan irra gahaa jira jedhe.

 

Dhiittaan mirga namoomaa gara laafina hin qabnee fi qindaa'aan'' godaantota kana irratti raawwatamaa jiru, cancala daldala namaa seeraan alaa ''yeroo baayyee aanga'oota Liibiyaa waliin hidhata qabaniin'' akka ta'e ibseera.

 

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Komishinarri Olaanaa Mirgoota Namoomaa fi Ergamni Deeggarsa Liibiyaa gabaasa waloo Guraandhala 18, 2026 baaseen gidiraa lammiileen Itoophiyaa Liibiyaa keessa jiran irra gahe bal’inaan ibseera.

 

Gabaasni kun haala waggoota lamaan darban ture ka ilaale yoo ta'u godaantota Itoophiyaa dabalatee ka Sudaan, Eertiraa, Sudaan Kibbaa fi kaanis walumatti 100 ta'an waliin af-gaaffii gaggeesseera.

 

Gabaasni kun akka jedhutti godaantotni, koolu galtoonnii fi baqattoonni Liibiyaa galan yeroo baayyee qawween itti aggaamamee “dirqiin hidhaman, butamanii maatii isaanii irraa adda baafamu” jedha. Sana booda gara “bakka tursiisa seerawaafi seeraan alaatti” geeffamu jedha.

 

Dararaafi dhiittaa mirga namoomaa achitti isaan mudatu keessaa bahuuf maallaqa guddaa kaffaluu jedha gabaasichi.

 

Daldaltoonni maallaqa argachuuf jecha godaantoota "dirqiin daldala saalqunnamtii, hojii humnaa fi garbummaa mana keessaa" jala akka galchan himeera.

 

Gabaasni kun yeroo qophaa’utti lammiilee Itoophiyaa dabalatee dubartootaa fi shamarran umuriin isaanii waggaa 17 hanga 43 ta’an 45 waliin gaaffiifi deebii taasiseera.

 

                                     Suudaan

 

Finciltoonni Sudaan Al-Faashir to’achuu hordofee, namoonni nagaan kuma 6 ‘ol lubbuun darbuun gabaafame

Humni waraanaa finciltootaa Sudaan Raappid Sappoorti Foorsii (RSF)’n waraana humna Mootummaa Sudaan Waliin gaggeessaa tureen, magaalaa Al-Faashir erga to’atee booda guyyoota sadii keessatti lammiileen nagaan Kuma 6 ‘ol ajjeefamuu Gamtaan Mootummootaa gabaase.

 

Waajjirri Komishinara Ol’aanaa Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii gabaasa haaraa baaseen, guyyaa sadii keessatti yoo xiqqaate lammiileen nagaa kuma 6 ta’an magaalaa Al-Faashir (Daarfuur) keessatti ajjeefamuu ibse.

 

Gabaasni kun, falmitoota mirga namoomaa dabalatee, dhaabbilee siivilii idil-addunyaa kan rifachiisee Fi, gochi hammeenyaa akkaan ulfaataa ta’e milishoota michuu ta’aniin lammiilee nagaan gaaga’aa jiraachuu dhaabbatichi ibseera.

 


Similar posts:

Hirmaannaan sivilii Marii Berlin Irratti mul’achun jijjiirama guddaadha jedhan Ministeeri Muummee Sudaan duraanii Abdalla Hamdok

Chaayinaan murteen Yuunaayitid Isteetis Ulaa Hormuuz cufuuf dabarsite “gocha hamaafi kan itti gaafatama hin qabne” jechuun walii galteen dhukaasa dhaabuu ariitiin akka taasifamu gaafatte

Birriin Itoophiyaafi Paawundiin Sudaan Kibbaa maallaqa addunyaa humna bittaa dadhabaa qaban keessatti ramadaman

Raashiyaan Daa'imman Umurii waggaa 3tti meeshaa Waraanaa akka baratan ajajje!