Lammiileen Oromoo baqannaadhaan Yaman jiraatan rakkoon hamaan keessa jiran akka furmaata argatu gaafatan.

Published Feb. 11, 2026, 1:07 p.m. by FNN Staff

274



ODUU FNN

Waldaan Hawaasa Oromoo Yamanii fi Koreen Barbaacha Furmaataa xalayaa waliinui UNHCR'f barreessaniin, nuti akka bakka bu'oota hawaasa baqattootaa fi Kominitii baqattoota Oromotti rakkoon  namoomaa hammaataa dhufe hawaasa keenya miidhuu ilaalchisee yaaddoo guddaa qabnu ibsuu feenaa jedhan.

Keessattuu waggoota kurnan darban keessa baqattoonni biyya kanaa haleellaa rookkeettii, dhohinsa, sodaa fi tasgabbii dhabuu itti fufiinsa qabu, hoji dhabdummaa, hongee, fi naannoo lubbuu namaa balaa irra buusu dabalatee rakkoo hamaa waraanaatiin rakkachaa turaniiru jechuun dubbate.

Baqattoonni hedduun, keessattuu dubartootaa fi daa’imman sababa haleellaa rookkeettiitiin rakkoo fayyaa fi miidhaan cimaan, du’aa illee isaan mudatlchuu himan. 

Dhimmi fayyaa sammuu daa’immanii, hanqinni nyaataa, fi rakkoowwan fayyaa walhormaataa dubartootaa wajjin walqabatan bal’inaan mul’achuus ibsan.

Haalli kun namoonni hedduun lubbuu isaanii oolchuuf daandii irratti kadhachuun lubbuu isaanii jiraachisaa jiran, yoo jiraate tokkoo tokko hojjettuu manaa ta'anii hojjechuu ykn hojii guyyaa humna isaanii olii kaffaltii hojii isaanii waliin wal hin madaale hojjechuun isaan dirqisiisuu xalayaa isaaniitiin himan.

Haa ta’u malee, harki caalaan isaanii hojii dhabanii kan hafan ta'uu xalayichi eeree, balaa guddaan isaan mudata jira jedhe. 

Yaaddoo nageenyaa hamaa ta’een alattis hawaasichi galii guyyaa guyyaa irratti hirkatee jiraachuufuu dadhabee rakkachaa jira jedhan Waldaan Hawaasa Oromoo Yamanii fi Koreen Barbaacha Furmaataa.

Yeroo ammaa baqattoonni baayʼeen isaanii guyyaatti nyaata tokko illee bitachuu waan hin dandeenyeef, beelaa fi gidiraan garmalee isaan mudataa jira jedhan.

Kana malees, baasiin kiraa manaa dabalaa dhufuun mana isaanii keessaa jumlaan akka buqqifaman gochuun, namoonni hedduun mana  waan kireeffataniin dhabanii namoonni baay'een kutaa tokko kan mitira 3 hin caalle keessatti galaa akka jiran eeranii, keessattuu namoonni qaamaa miidhamtoonnii fi  rakkina garaa garaatiif saaxilamoo ta’an balaa daran guddaadhaaf saaxiluu himan.

Hawaasni baqattoota hedduun waggoota kurnan sadii oliif Yaman keessa akka turan ibsuun, inni dur kophaa Isaa dhufe asitti maatii godhatee ilmaan horee jira, har'a ilmaan isaanii keessaa kan dubri heeruma geesse ilmi dhiiraa fuudha gehe jireenyi gadadoo isaan keessa jiran ilmatti fuudhanii dubra heerumsiisuu  waan isaanif hin hayyamneef waliin mana kutaa tokko keessa haadhaafii abbaa isaanii waliin rakkachaa jiran jedhan.   

Gatiin jireenyaa akka addunyaatti dabalaa dhufuun, rakkoon Yaman keessatti mudate sadarkaa kanaan dura hin argamnetti ol guddateera kan jedhu xalayichi. Ijoolleen keenya beelaan du’aa jiru, ta’us Yaman keessatti  warri biyyaa namoonni miliyoonaan lakkaa’aman gargaarsa idil-addunyaa yoo argatan, baqattoonni garuu gargaarsa  dhabanii haala hamaa keessa jiru jedha.

Haalli hamaa keessa jiraannuullee, waajjira UNHCR kan hawaasa akka keenyaa saaxilamoo ta’an eeguu fi deeggaruuf kaayyeffate illeen  akka tuffatamnuu fii rakkoon keenyalleen isa biratti akka  akka hin dhaga’amne  godhuun baay'ee nutti dhaga’ama jedha.

Kana malees, hawaasni baqattoota harki caalaan waraqaa iyyannoo koolugaltummaa waggoota kurnan oliif qabatanii kan turan ta'uu eeranii, gariin isaanii kaardii iyyannoo koolugaltummaa bara 2003 irraa eegalee kan qaban ta’uu, hanga ammatti murtee tokko malee waraqaa beellamaatin taa'aa jiraachuu himan.

Rakkoolee kanneen tarreeaauun bakka bu'oonni Baqattoota Sana'aa gargaarsa hatattamaa fi deeggarsa lubbuu baraaruu UNHCR Sana'aaf waamicha dhiheessan.


Similar posts:

Waraana Ameerikaa,Israa'el fi Iraan jiduutti balaan "wixinee misaa'elaa" dhufuuf jira!

Kooriyaan kaabaa gochaa Ameerikaa fi Israa'el iraan irratti raawwatan balaaleffatte.

Godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaatti humna finxaalessa Faannoo irratti jalqabee “ajaja gubbaa dhufe” jedhamee guyyoota muraasa keessatti dhaabsifamuun uummata gatii guddaa kafalchiisaa jiraachuu jiraattonni himan.

Gamtaan Mootummoota buufata baqattoota Suudaan keessatti haleellaan diroonii daa’imman irratti raawwatamuu hordofee nageenni daa’immanii yaaddoo keessa jiraachuu akeekkachiise.