Mooraan leenjii humna addaa Sudaan (RSF) naannoo Benishaangul Gumuz keessatti ijaraamuu gabaasni qorannoo Rooyitars saaxile.Gabaasi kun wayita biyyoonni ollaa Sudaan fi Baha Giddugaleessaa waraana Sudaan keessatti hirmaannaa heddummeessaa jiraachuun
Published Feb. 10, 2026, 2:10 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Mooraan leenjii humna addaa Sudaan (RSF) naannoo Benishaangul Gumuz keessatti ijaraamuu gabaasni qorannoo Rooyitars saaxile.
Gabaasi kun wayita biyyoonni ollaa Sudaan fi Baha Giddugaleessaa waraana Sudaan keessatti hirmaannaa heddummeessaa jiraachuun gabaafamaa jirutti dhagahame.
Ijaaramuun mooraa leenjii waraanaa kun Itoophiyaan kallattiin waraana Sudaan keessatti hirmaachuu agarsiisa jedha gabaasi Rooyitarsi.
Wayita kallattii kibba Sudaaniin waraanni hammaatee jirutti haala kanaan RSF deeggaruun balaa waraanni kun qaqqabsiisaa jiru daranuu hammeessuudha jechuun Rooyitarsi gabaasa isaa keessatti eereera.
Akka gabaasa kanaatti qondaala olaanaa mootummaa Itoophiyaa dabalatee maddeen saddeet ta'an Yunaayitid Arab Emireetis (UAE) ijaarsa mooraa waraanaa kanaa tumsiteetti.
Akkasumas deeggarsa leenjii fi loojistikii waraanaa mooraa kanatti kenniteetti.
Rooyitarsi UAEn mooraa waraanaa kanaaf tumsaa taasisuu ilaalchisee addatti waan mirkaneeffate akka hin qabne gabaaseera.
Dhimma kanarratti gaaffii mootummaa UAE'f dhiheessee akka ture kan ibse Rooyitarsi ''mootummaan UAE haala kamiinuu waraana kana keessatti hin hirmaanne,'' deebii jedhu qofa ministeera dhimma alaa biyyattiirraa argachuu ibse.
Waraanni Sudaan fi humni addaa RSF jedhamu erga mootummaan aangoorra jiru fonqolchamee booda ce'umsa gara bulchiinsa siiviliitti taasifamu keessatti aangoorratti waldhabuun waraanatti kan seenan bara 2023 ture.
Ergasii waraanni kun kutaalee biyyattii garaagaraatti babal'achuun, gara gosaan qoodanii haleellaa raawwachuutti ce'eera.
Lammiileen biyyattii miiliyoonaan lakkaa'aman gara Masirii, Chaad, Liibiyaa fi Sudaan Kibbaatti baqataniiru.
Gareen wal waraanan lameenuu biyyoota alaarraa tumsa argataniin of cimsaa turan, ammas itti jiru.
Kun ammoo waraanni akka hammaatuu fi lolli kun gara biyyoota ollaattillee akka babal'atu taasiseera.
Rooyitarsi gabaasa kana qindeessuuf maddeen 15 dubbisuu ibse. Aanga'oonni olaanoo fi dippiloomaatonni Itoophiyaa as keessatti akka argaman ibseera.
Akkasumas, suuraalee saatalaayitii hedduu naannawa mooraa waraanaa kanaa mul'isan xiinxaleera.
Odeeffannoon aanga'oonni tikaa Itoophiyaa lama kennanii fi suuraaleen saatalaayitii qabxiiwwan odeeffannoo nageenyaa keessatti eeramaniin wal fakkaata jedha gabaasi Rooyitarsi.
Bakki argamaa fi bal'inni mooraa kanaa, akkasumas hirmaannaan UAE keessa jiraachuun kanaan dura gabaafamee hin beeku.
Suuraaleen saatalaayitii sadarkaa qabiyyeen mooraa kanaa irratti argamu agarsiisaniiru.
Akkasumas, buufata diroonii to'atu buufata xiyyaaraa naannawa sana jiru cinaatti ijaaramuu agarsiisa.
Akka suraaleen saatalaayitii mul'isanitti, mooraa waraanaa kallattii lixa Itoophiyaan Sudaanitti dhihaatee daangaa Beenishaangul Gumuz irratti ijaarame kanatti Onkoloolessa darberraa sochiin eegalameera jedha gabaasi Rooyitarsi.
Odeessa kanarratti Rooyitarsi dubbi himaa Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa, qondaala waraanaa Itoophiyaa fi RSF irraa yaada argachuuf yaaliin taasise hin milkoofne.
Amajjii 6 UAE fi Itoophiyaan ibsa waliin baasaniin, Sudaan keessatti dhukaasi akka dhaabbatu gaafatanii turan.
Ibsa isaanii keessatti, hariiroo gidduusaaniitti cime kan nageenya biyyoota lamaanii mirkaneessuuf utubaa ta'e akka milkaa'inaatti eeraniiru.
Waraanni Sudaan dhimma kanarratti hanga yoonaa yaada hin kennine.
Rooyitarsi tajaajila nageenyaa Itoophiyaarraa odeeffannoo argadhe jechuun akka gabaasetti, hanga jalqaba ji'a Amajjiitti loltoonni RSF 4,300 mooraa kanatti leenji'aniiru.
''Deeggarsi meeshaalee waraanaa fi loojistikii mootummaa UAEn dhihaataaf,'' jedha gabaasi Rooyitarsi.
Waraanni Sudaan kanaan dura UAEn meeshaalee waraanaa RSF'f dhiheessiti jechuun himatee ture.
Himannaan kun sirrii ta'uu ogeeyyiin UN fi seera baastonni US mirkaneessanii turan.
Erga Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad bara 2018 aangoo qabatanii eegalee mootummaan UAEn deeggarsi guddaa taasisaafii jira.
Dhiheenya kana biyyoonni lameen hariiroo waraanaa cimsataniiru.
Rooyitarsi yaada qondaalota ja'a irraa argate wabeeffachuun akka gabaasetti, loltoota mooraa waraanaa kanatti leenji'an keessa lammiileen Itoophiyaa jiru.
Kaan lammiilee Sudaan fi Sudaan Kibbaati akka gabaasa kanaatti.
Garuu miidiyaan eenyu akka bakka kanatti leenji'aa jiru walaba ta'ee mirkaneeffachuu akka hin dandeenye gabaase.
Garee mooraa kanatti leenji'u jedhaman keessaa tokko kan ta'anii fi handaara Sudaan bakka Blue Nile jedhamu kan buufatan SPLM-N mormitoota mootummaa Sudaan.
Qondaalli olaanaan SPLM-N kan maqaansaa akka eeramu hin feene loltoonni isaa Itoophiyaa keessa jiraachuu haaleera.
Similar posts:
Hirmaannaan sivilii Marii Berlin Irratti mul’achun jijjiirama guddaadha jedhan Ministeeri Muummee Sudaan duraanii Abdalla Hamdok
Chaayinaan murteen Yuunaayitid Isteetis Ulaa Hormuuz cufuuf dabarsite “gocha hamaafi kan itti gaafatama hin qabne” jechuun walii galteen dhukaasa dhaabuu ariitiin akka taasifamu gaafatte
Birriin Itoophiyaafi Paawundiin Sudaan Kibbaa maallaqa addunyaa humna bittaa dadhabaa qaban keessatti ramadaman
Raashiyaan Daa'imman Umurii waggaa 3tti meeshaa Waraanaa akka baratan ajajje!