Koomishinarri Olaanaa Mirga Namoomaa Gamtaa Mootummootaa muddamni Tigraayitti mudate akka tasgabbaawu gaafate
Published Feb. 10, 2026, 3:23 p.m. by FNN Staff
ODUU
Komishinarri Olaanaa Mirga Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Volkeer Türk, haalli nageenyaafi sarbiinsi mirga namoomaa Naannoo Tigraay keessatti hammaataa dhufaa jiraachuu ibsuun, qaamoleen hidhatan hundi hatattamaan muddama hir’isuuf tarkaanfii fudhachuu akka qaban waamicha dhiyeesse.
Türk Ibsa har’a baasaniin walitti bu’iinsi yeroo dhiyoo kana Humnoota Ittisa Itoophiyaafi Humnoota Nageenyaa Tigraay gidduutti uumame rakkoo namoomaafi sarbiinsa mirga namoomaa Kaaba Itoophiyaa duraanuu laafaa ture caalaatti akka hammeessu akeekkachiiseera.
“Haalli amma jiru baayee cimaa jira, sodaan keenya immoo haalli kuni caalaatti jabachuun rakkoo mirga namoomaa naannichaa duraanuu balaa keessa jiruu miidhuu mala kan jedhan Türk. dabalanis qaamoleen hundi, deeggarsa hawaasa idil-addunyaa dabalatee, tattaaffii itti fufiinsa qabu taasisuun, waraanni haaraan irraa deebiin akka hin kaane, mariifi tarkaanfii wali amantaa ijaaran jeequmsa hirisuun barbaachisaa akka ta’e hubachiseera.
Akka Waajjira Mirga Namoomaa kan Dhaabbata Gamtaa Mootumootatti, walitti bu’iinsi Amajjii 26 irraa eegalee Kaaba-Dhihaa Tigraay keessatti, addatti immoo naannolee Tsalemtifi Laelay, kanneen daangaa Naannoo Amaaraatti dhiyoo jirani irratti ka’eera. Humnoonni Nageenyaa Tigraay ammoo Guraandha 1 naannoo Tsalemti gadi dhiisuun isaanii gabaafamee jira. Akka gabaasonni mul’isanitti, walitti bu’iinsa kana keessatti diroonii, meeshaalee fageenya dhukaafamanifii meeshaalee waraanaa jajjabooni biroo fayyadamuu ifoomsaniru.
Türk dabalataanis, haala yeroo dhiyoo Itoophiyaafi biyya ollaa Itoophiyaa kan taatee Eertiraa jidduutti mul’ataa jiru irratti yaaddoo qabachuu ibseera. Haalli kun yoo caalaatti yoo hamaate, Itoophiyaa qofa osoo hin taane Ertiraafi Gaanfa Afrikaa guutuu keessatti rakkoo namoomaafi sarbamiinsa mirga namoomaa akka cimuu akeekkachiisee jira.
Similar posts:
Hirmaannaan sivilii Marii Berlin Irratti mul’achun jijjiirama guddaadha jedhan Ministeeri Muummee Sudaan duraanii Abdalla Hamdok
Chaayinaan murteen Yuunaayitid Isteetis Ulaa Hormuuz cufuuf dabarsite “gocha hamaafi kan itti gaafatama hin qabne” jechuun walii galteen dhukaasa dhaabuu ariitiin akka taasifamu gaafatte
Birriin Itoophiyaafi Paawundiin Sudaan Kibbaa maallaqa addunyaa humna bittaa dadhabaa qaban keessatti ramadaman
Raashiyaan Daa'imman Umurii waggaa 3tti meeshaa Waraanaa akka baratan ajajje!