Godina Salaaleetti kan argamu hojjattoonni Hospitaala Waligalaa Kuyyuu baatiiwwan arfan darbaniif kafaltiin hojii yeroo sa'atii dabalataa nuuf hin kafalamnee jedhan.

Published Jan. 9, 2026, 2:30 p.m. by FNN Staff

293



ODUU FNN

Godina Salaaleetti kan argamu hojjattoonni Hospitaala Waligalaa Kuyyuu baatiiwwan arfan darbaniif kafaltiin hojii yeroo sa'atii dabalataa nuuf hin kafalamnee jedhan.

Hojjattoonni hospitaalichaa maddeeniif yaada isaanii kennan, baatiiwwan afran darban hojii yeroo sa'atii dabalataa yookin Duty hojjataa jiraniif kafaltiin wayiituu akka hin kafalamneef himan.

Rakkoo keenya kana qaamota dhimmi ilaallatti himannee furmaata dhabnee jedhan.

Gaaffii mirgaa isaanii yeroo gaafatan dorsifni akka irra gahus himaniiru.

Hoji geggeessaan hospitaala Kuyyuu qajeelfamatu nuuf darbe, kana darbee hojjataan gaaffii gaaffachuuf yaalu rakkoo isa irra gahu ofii isaaf fudhata akka isaaniin jedhes dubbatan.

Hojjataan fayyaa hospitaalichaa sa'atii dabalataa halkan hojii bulu boqonnaan yoo hin kennamneef kafaltiin sa'aatii 15 kafalamuufiin irra ture sa'atii 7 qofti sanuu iskeelii mindaa duraanitiin kafalamuufii akka qabu seeraan ala itti murtaa'uu komatan.

Kanaanis waldiddaan hojjattoota fayyaa fi bulchiinsa hospitaalichaa gidduutti uumamuu ibsan.

Kanaanis baatiiwwan 4 darban kafaltiin hojii yeroo sa'atii dabalataa akka hin kafalaminiif jiru maddeeniif himaniiru.


Similar posts:

Baqattonni Itoophiyaa 65 Sa'uudiitti du'a eeggataa jiran birmannaa gaafatan

Sudaan Kibbaatti namoonni miiliyoona saddeetitti dhiyaatan balaa beela hammaataaf saaxilamuuf jiru jechuun dhaabbileen miti - mootummaa akeekkachiisan

Pirezidaantiin bulchiinsa yeroo Tigraay kan mootummaan federaalaa yeroo aangoo bulchiinsa isaanii waggaa 1f dheeresseef kaleessa kaabinee isaanii walgahii waamanii waliin marii irra turan.

Haleellaa Matakkalitti raawwateen ''hojjattoonni qeeraa torba ajjeefamuu'' jiraattonni himan