Somaaliyaan Israa'el qondaala ishee gara Somaalilaand erguu baleelffatte

Published Jan. 6, 2026, 4:26 p.m. by FNN Staff

86



ODUU FNN

Aanga'aan Somaaliyaa kora Gamtaa Afrikaa irratti beekamtii Israa'el Somaalilaandiif kennite balaaleffatan.


Somaaliyaan Israa'el qondaala ishee gara Somaalilaand erguu baleelffatte. Gamtaan Afrikaa beekamtii biyyummaa Israa'el bulchiinsa Somaaliyaa irraa addatti of baastee of bulchitu, Somaalilaandiif, kennuu ilaalchisee wayita kora waametti, qondaalli Israa'el Somaalilaanditti argaman.

Kibxata, Amajjii , 2026, Ministirri Dhimma Alaa Israa'el Giidiyoon Sa'aar magaalaa guddoo Somaalilaand, Hargeessaa daawwataniiru.

Daawwannaan ministira dhimma alaa kun erga biyyisaanii Somaalilaandiif beekamtii kennitee kan jalqabaati.

Ministeerri dhimma alaa Somaaliyaa daawwannaa qondaala Israa'el kana balaaleffachuun ibsa baaseen, ''gochi kun birmadummaa, tokkummaa fi walabummaa daangaa Somaaliyaa kan cabsedha,'' jedhe.

''Karaa fudhatama hin qabneen dhimma biyya miseensa Dhaabbata Biyyoota Addunyaa taate keessa seenuudha,'' jechuun ibse.

''Hargeessaan qaama Somaaliyaati,'' kan jedhu ibsi kun, ''beekamtii mootummaa federaalaa Somaaliyaa malee daangaa somaaliyaatti seenuun karaa kamiinuu fudhatama hin qabu,'' jedhe.

Gochi akkasii Chaartara UN faana kan hin deemne, Heera Gamtaa Afrikaa kan faallessuu fi seera birmadummaa biyyaa kan sarbuudha jedha ibsi Somaaliyaa kun.

Mootummaan Federaalaa Somaaliyaa tuffii birmadummaa Somaaliyaa irratti raawwachaa jirtu akka dhaabdus akeekkachiiseera ibsi kun.

Kora Mana maree Nageenyaa Gamtaa Afrikaa irratti Ministirri Dhimma Alaa Somaaliyaa Abdisalaam Abdii Alii ''naannoon Somaalilaand yoomiyyuu qaama Rippaabilika Federaalawaa Somaaliyaa ta'ee itti fufa,'' jedhan.

Qaamni alaa kamiyyuu biyya miseensa Gamtaa Afrikaa taate keessa seenee daangaa jijjiiruuf yaaliin taasisu kamuu fudhatama hin qabu jedhan qondaalli Somaaliyaa kun.

Ministirri dhimma alaa kun tarkaanfiin walabummaa daangaa Somaaliyaa sarbuuf fudhatamu kamiyyuu nageenya Gaanfa Afrikaa, Galaana Diimaa fi Galoo Galaanaa Aden kan jeequudha jechuun akeekkachiisan.

Miseensonni gamtichaa gocha nageenya naannawa kanaa goolu akkasumas tattaaffii farra shorkeessummaa gufachiisuu fi nageenya galaanarraa sarbu kana dura dhaabbachuu qabu jedhan qondaalli Somaaliyaa kun.

BBC Afaan Somaalee maddeen amanamoorraa akka odeeffatetti qondaalli Israa'el Giidiyoon Sa'aar daawwannaasaanii kanaan Pirezidant Abdirahmaan Mohammad Abdullaahii Cirro dabalatee qondaalota olaanoo bulchiinsa Somaalilaand waliin ni mari'atu.

Aab Gidiyoon Sa'ar fi Pirezidantiin Somaalilaand dhimmoota garaagaraa irratti erga mari'atanii booda ibsa waloo akka kennan maddeen Israa'el ibsaniiru.

Erga Ministirri Muummee Israa'el Muddee 26, 2025 Somaalilaandiif beekamtii biyyummaa kennuu labsanii as murteesaanii kana Somaaliyaa fi biyyoonni garaagaraa mormaniiru.

Somaaliyaatti kutaaleen hawaasaa garaagaraa, dureewwan amantii fi beektonni mormii dhageessisaniiru.

Magaalaa Hargeessaa keessatti ammoo beekamtii Israa'el Somaalilaandiif kennite kana deeggaruun hiriirri guddaan gaggeeffameera.

Maddeen dippiloomaasii akka ibsanitti daawwannaan qondaala Israa'el kun ejjennoo Israa'el Somaalilaandiif beekamtii kennuu irratti qabdu cimsuu fi hariiroo Israa'el fi Somaalilaand gidduu jiru daran jabeessuu irratti kan fuulleffatedha.

Israa'el beekamtii biyyummaa kennitee yeroo gababaa booda qondaalli dhimma alaa biyyattii Somaalilaand daawwachuun gidduusaaniitti michummaan cimaa jiraachuu kan agarsiisuudha.

Somaalilaand erga bara 1991 walabummaashee labsachuun of bulchuun eegaltee akka addunyaatti ammallee beekamtii biyyummaa hin argatin jirti.

Daawwannaan ministira dhimma alaa Israa'el kun daawwannaa dippiloomaasii olaanaa dhiheenya kana Somaalilaanditti taasifamedha.

Kunimmoo bulchiinsi adda baatee of bulchitu kun dippilomaasii biyya beekamtii qabuun walqixa ta'e qabaachuu ishee mul'isa.

Muddee 26 Ministirri Muummee Israa'el Beenjamiin Netaaniyaahuu wayita Somaalilaandiif beekamtii biyyummaa kennuu ibsan, Pireezidantiin Somaalilaand daawwannaa olaanaaf gara Israa'el akka deemanis affeerraa dhiyeessaniiru.

Mootummaan Israa'eel Rippaablika Somaalilaand waliin hariirooshee atattamaan cimsuu akka barbaadduus fuula miidiyaa MM Beenjamiin Netaaniyaahuu irratti ibsameera.

Gamtaan Afrikaa murtee Israa'el hordofuun ibsa baaseen, beekamtii biyyummaa Somaaliilaandiif kennamu kamiyyuu akka hin fudhanne ibseera.

Gamtichi murannoo Gamtaan Afrikaa tokkummaa fi walabummaa Somaaliyaatiif qabu kan hin sochoonedhas jedheera.

 


Similar posts:

Ogeeyyiin fayyaa Naannoo oromiyaa iddoowwan garaagaraattii argaman kaffaltii hojii saa'atii idileen alaa Wal qabatee rakkoo keessa Akka jiran Godinaalee Oromiyaa garaagaraa irraa komii isaanii dhageessisaa jiraachuun barame.

Projektiin Buufata Xiyyaara Bushooftuu namoota 15,000 qe'ee fi qabeenya isaanirra buqqise jedhame.

Godina Salaaleetti kan argamu hojjattoonni Hospitaala Waligalaa Kuyyuu baatiiwwan arfan darbaniif kafaltiin hojii yeroo sa'atii dabalataa nuuf hin kafalamnee jedhan.

Godina Arsii, Aanaa Roobee Magaalaa Saddiiq keessatti qaamni mootummaa dargaggota mana hidhaatii baasanii dararaa hamaa irratti raawwachaa jiraachuu maddeen dubbatan.