Gara Aangootti Yommuu dhufuuf jedhu duula Filannoo pirezedaantummaa Rippaabilikaanota bakka bu'uun yommuu gaggeessu dhaadannoo "MAKE AMERICA GREAT AGAIN"/ Afaan Oromootti yommuu jijjiirru "Ammas Amerikaa Gudditti nitaasifna!" jedhu qabatanii dhufan.

Published Jan. 6, 2026, 4:32 p.m. by FNN Staff

239



ODUU FNN


Doonaldi Tiraampi paartii Riippaabilikaanota Bakka bu'uun filannoof dorgome. Dhaadanno "Ammas Amerikaa Guddaa nitaasifna" jedhuun beekame. Fudhatamummaa guddaas uummata USA biratti argate. Kana qofaa miti. Yeroo duula filannoo gaggeessu "Ani Saala lama qofan beeka isaanis Dhiiraaf dubartii qofa" jechuun warreen dhiiraaf dhiira, dubartiif dubartii walitti heerumsiisan balaaleffatan. 

Erga aangootti dhufanii booda Warreen Dhiiraaf dhiira akkasumas dubartiif dubartii wal-fuudhan Balaaleffachuu irra darbees humna Raayyaa Ittisa biyyatti #Peentaagon keessaa  ariiyuun tarkaanfii fudhataniiru. Hojjettoota mootummaas hedduu hojii irraa ariiyaniiru. 

Baajeta biyyatti kanaan dura maqaa gargaarsa namoomaan qisaasamaa ture to'achuun diinagdee biyya keessaa tasgabbeessuutti xiyyeeffachuun Amerikaa gudditti deebiisaniiru. 

Waraana Daldalaa (Trade War) banuudhaan Biyyoota akka Chaayinaafii Awurooppaa hollachiisaa turaniiru. Ofitti amanamummaa qabaniin biyya Kanaadaa jedhamtu guutummaashee qaama USA goone bulchina jechuun ifatti dubbataniiru. Pirezedaantii Kanaadaa Jastin Turuudoos Masaraa mootummaa Waayit Haawusitti waamuun naannoolee bulchiinsaa USA Keessaa akka tokkootti yoo Kanaadaa fudhanne wayya jechuun itti himaniiru. 

Humna Waraanaa USA "Delta Force" jedhamu ajajuun Biyya Kibba Amerikaa Veenzuweelaa kan boba'aan badhaate haleeluun pirezedaantii biyyatti haadha manaa waliin butuun Niwu Yoorkitti fudhataniiru.

Kanaanis biyyoonni addunyaa hedduun yaaddoofii rifaatuu guddaa keessa galaniiru. Keessumaa biyyoonni Afrikaa Abbootii Irreen bulan akka Eertiraa erga Tiraampi tarkaanfii kana fudhatanii kaasee dhiphina hamaa keessa galaniiru.


Similar posts:

Waraana Ameerikaa,Israa'el fi Iraan jiduutti balaan "wixinee misaa'elaa" dhufuuf jira!

Kooriyaan kaabaa gochaa Ameerikaa fi Israa'el iraan irratti raawwatan balaaleffatte.

Godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaatti humna finxaalessa Faannoo irratti jalqabee “ajaja gubbaa dhufe” jedhamee guyyoota muraasa keessatti dhaabsifamuun uummata gatii guddaa kafalchiisaa jiraachuu jiraattonni himan.

Gamtaan Mootummoota buufata baqattoota Suudaan keessatti haleellaan diroonii daa’imman irratti raawwatamuu hordofee nageenni daa’immanii yaaddoo keessa jiraachuu akeekkachiise.