Koomishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa, waraana Tigraayitti haaromfame hordofee mirgi lammiilee siivilii akka eegamu akeekkachiise
Published Jan. 31, 2026, 12:14 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Koomishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa, naannolee daangaa Tigiraayi, Amaaraa fi Affaar keessatti walitti bu’iinsa lafaa dhalateen wal-qabatee, mirgi lammiilee nagaa akka hin sarbamne akeekkachiise.
Akkasumas, rakkoo nageenyaa kaaba Itoophiyaatti mudateen haalli tasgabbii biyyattii, yaaddoo idil-addunyaa akka uumu taasisuu komishinichi ibseera.
Komishinichi, ibsa guyyaa har'aa amajjii 31, 2026 baaseen, walitti bu’iinsi amajjii 26, 2026 Naannoo Tigiraayi bakka Tselemtii, fi Aba’alaa dabalatee daangaa Affaari fi Amaaraatti babal’achaa jiru lubbuu namaa, nageenya qaamaa, bilisummaa lammiilee fi qabeenyaa balaa hamaaf akka saaxilu ibseera.
Akka ibsa komishinichaatti, jiraattonni magaalaa Allaamaaxaa bulchiinsa “komaand poostii” jala turan keessaa baay’een isaanii buqqa’uun, haalli nageenyaa gara waraana guutuutti akka guddachuu danda’u sodaa uumee jiraachuu hubachiiseera.
Kanaanis, jeequmsi haaromfame kun bu’aa nagaa Walii-galtee Nagaa Piriitooriyaa booda galmaa’e duubatti deebisuu akka danda’u akeekkachiiseera.
Komishinichi, qaamoleen hidhatan hundi of-eeggannoo o'laanaa akka qabaatan waamicha dhiyeessuun, haleellaa lammiilee nagaa fi bu’uuraalee misoomaa siiviilii irratti raawwatamu hatattamaan akka dhaabbatus gaafateera.
Akkasumas, tarkaanfiileen nageenyaa kamiyyuu bu’uuraalee seera biyyaalessaa fi idil-addunyaa mirga namoomaa kan kabajan ta’uu akka qaban cimsee ibseera.
Similar posts:
Waraana Ameerikaa,Israa'el fi Iraan jiduutti balaan "wixinee misaa'elaa" dhufuuf jira!
Kooriyaan kaabaa gochaa Ameerikaa fi Israa'el iraan irratti raawwatan balaaleffatte.
Godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaatti humna finxaalessa Faannoo irratti jalqabee “ajaja gubbaa dhufe” jedhamee guyyoota muraasa keessatti dhaabsifamuun uummata gatii guddaa kafalchiisaa jiraachuu jiraattonni himan.
Gamtaan Mootummoota buufata baqattoota Suudaan keessatti haleellaan diroonii daa’imman irratti raawwatamuu hordofee nageenni daa’immanii yaaddoo keessa jiraachuu akeekkachiise.