Mootummaan federaalaafi TPLF haala naannoo Tigraay hammeessuurraa akka of qusatan Gamtaan Afrikaa gaafate
Published Jan. 30, 2026, 1:20 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Dura ta'aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Maahimud Alii Yusuuf, mootummaan federaalaa fi TPLF haala naannoo Tigraay keessa jiru hammeessuurraa "cimsanii akka of qusatan" gaafate.
Naannoo Tigraay keessatti "taateewwan tibbana mul'acha ajiran akka isa yaaddesse" dura ta'aan kun ibseera.
Dura ta'aan Komishinii Gamtaa Afrikaa kun kana kan jedhe wal gaarerfannaa mootummaa federaalaafi humnoota Tigraay cimee walitti bu'insi irra deebiyee ka'a jedhamee yaaddoon dabalaa jiraachuu ilaalchisee ibsa Jimaata har'aa Amajji 30, 2026 baaseenidha.
Wal gaarerfannaa keessa kan turan qaamoleen lamaan guyyoota daran keessa daangaa naannolee Amaaraa fi Tigraay kan ta'e Tsallamtitti walitti bu'uun isaanii gabaafameera.
Dura ta'aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Maahimud Alii Yusuuf, "haala kutaalee naannoo Tigraay keessatti ta'aa jiru itti dhiyeenyaan hordofaa," akka jiran ibse.
Ibsi Gamtichi baase dura ta'aan kun, "haala kutaalee naannoo Tigraay keessatti ta'aa jiru itti dhiyeenyaan hordofaa kan jiru yoo ta'u, taateewwan tibbana mul'ataniin yaaddoon guddaa itti dhaga'ameera," jedhe.
Dura ta'aan kun ibsa isaatiin, Gamtaa Afrikaan kan durfamuufi waraana waggoota lamaaf dhiiga dhangalaase kan dhaabsise waliigaltee Piritooriyaa eeguun akka barbaachisu hubachiiseera.
Karaa waliigaltee kanaa "bu'aawwan carraaqqii cimaatiin argame eegsisuun baayyee barbaachisaafi faayidaa waraaa akka qabu ibsa isaa kanaan dhaameera.
Similar posts:
Hirmaannaan sivilii Marii Berlin Irratti mul’achun jijjiirama guddaadha jedhan Ministeeri Muummee Sudaan duraanii Abdalla Hamdok
Chaayinaan murteen Yuunaayitid Isteetis Ulaa Hormuuz cufuuf dabarsite “gocha hamaafi kan itti gaafatama hin qabne” jechuun walii galteen dhukaasa dhaabuu ariitiin akka taasifamu gaafatte
Birriin Itoophiyaafi Paawundiin Sudaan Kibbaa maallaqa addunyaa humna bittaa dadhabaa qaban keessatti ramadaman
Raashiyaan Daa'imman Umurii waggaa 3tti meeshaa Waraanaa akka baratan ajajje!