Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Qilxuu Kearraatti dargaggoon tokko hidhattoota mootumma PP'n ajjeeffamuun barame.

Published Jan. 28, 2026, 2:42 p.m. by FNN Staff

512



ODUU FNN

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Qilxuu Kearraatti dargaggoon tokko hidhattoota mootumma PP'n ajjeeffamuun barame.

 

 Amajjii 25,2026 galgala godina Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa, ganda Lalisaa Komiisitti, barataa kutaa 5ffaa kan ta'e nama maqaan isaa Adduunyaa Faqqadee Tarfaa jedhamu, humnoota waraana mootummatiin ajjeefamuu jirattoonni maddeenitti himan.

 

Akka maddeen  ibsanitti, dargaggoon kun yakkaa dalage ykn meeshaa waraanaa kamiyyuu osoo hin qabaatın badi tokko malee rasaasa ja'a itti roobsuun lafa jireenya isaatti ajjeefame jedhan. Jiraattonni naannichaa akka jedhanitti, gochi kun sodaa fi rifaatii guddaa hawaasa keessatti uume kan jedhan yoo ta’u, Jiraattonni ganda Lalisaa Komii ajjeechaan dargaggootaa dabalaa dhufuu, qe'een Oromoo manca'uu, mirgoonni namoomaa kabajamuu qaban dhabamuu kaasuun, qaamni dhimmi ilaallatu dhimmicha irratti qorannoo bilisaa fi haqa qabeessa gaggeessee gocha badii kana nu irraa eegee nagaa buusaa jenne eegnus yeroodha gara yerootti hammaataa dhufuu maddeenitti himanii jiru.

 

Qaamoleen mirga namoomaa ajjeechaa seeraan ala raawwatamu, doorsisaa fi hidhaa seeraan alaa, buqqa’iinsa, mancaatii lubbuu raawwachaa jiru fi qabeenyaa akkasumas qe'een Oromoo gaddi akka irra dhabbatu waamicha dhiyeessani jiru.

 

 

#,Godina Gujii Lixaa Aanaa Surroo Barguddaatti uummanni qaamota mootummatiin rakkoo hammaataaf saaxilamaa jiraachuu dubbatan.

 

Kibba Oromiyaa Godina Gujii Lixaa aanaa Surroo Barguddaa gandoota hedduu keessatti waraana murna Bilxiginnaan uummanni hidhamuu, saamamuu fi qe'ee irraa buqqa'uu jiraattotni maddeenitti himan.

 

Akka jiraattonni jedhanitti uummata nagaa badii tokkolle hin qabne sababa Oromomummaa isaanii fi shakkii na deggeraa hin jiran jedhuun hoomaan waraanaa mootumma  bobbaa'e halkanii fi guyyaa namoota nagaa badii tokko malee hidhuu, saamuu fi qe'ee irraa buqqisuu cimsanii itti fufanii jiru jedhan.

 

Keessumattuu gaafa Amajjii 24,2026 irraa eegalee aanaa Surroo Barguddaa gandoota Akka Didolee Haarraa, Dembalaa Galaanaa fi Sorooroo Malkaa Jawwee keessatti uummata qe'eerraa buqqisuu, hidhuu fi qabeenya isaa ta’ee kanneen akka loonii fi re'ee irraa saamuun rakkoo hammaataaf saaxilaa jiraaaachuu jiraattonni maddeeniif himanii jiru.

 

Kana malees aanaa Surroo Barguddaa Ganda Diidolee Haarraa keessatti uummata nagaa maqaan isaanir:

 

  1. Barisoo Buluttaa

 

  1. Daadhii Bariisoo

 

  1. Bonayyaa Bariisoo

 

  1. Shundhuuraa Bariisoo fi

 

  1. Dagguu Bariisoo maatii abbaa tokkoo badii tokko malee maqaa maatii qabsaawotaati jedhuun ukkaamsanii waajjira Poolisi aanichaatti hidhuu fi qabeenya isaanii loon 49 irra ooffatanii jiraachuu maddeen gamasii beeksiisanii jiru.

 

 


Similar posts:

Waraana Ameerikaa,Israa'el fi Iraan jiduutti balaan "wixinee misaa'elaa" dhufuuf jira!

Kooriyaan kaabaa gochaa Ameerikaa fi Israa'el iraan irratti raawwatan balaaleffatte.

Godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaatti humna finxaalessa Faannoo irratti jalqabee “ajaja gubbaa dhufe” jedhamee guyyoota muraasa keessatti dhaabsifamuun uummata gatii guddaa kafalchiisaa jiraachuu jiraattonni himan.

Gamtaan Mootummoota buufata baqattoota Suudaan keessatti haleellaan diroonii daa’imman irratti raawwatamuu hordofee nageenni daa’immanii yaaddoo keessa jiraachuu akeekkachiise.