Waraanni Sudaan, naannoo daangaa Itoophiyaa amma-dura humna Raappiid Sappoorti Foorsi (RSF) to'atamee ture deebisee qabachuu beeksise

Published Jan. 27, 2026, 2:32 p.m. by FNN Staff

493



ODUU FNN

 Waraanni Sudaan, humna Raappiid Sappoorti Foorsi (RSF) irraa naannoo daangaa Itoophiyaa Al-Silik jedhamu kan bulchiinsa 'Biluu Naayil' keessatti, argamtu deebisee to'achuu beeksise.

Tarkaanfiin kun lola Eebila 2023 irraa eegalee Sudaan keessatti itti fufee jiru keessatti jijjiirama haaraa akka ta’etti ibsameera.
Walitti bu’iinsi waraana Sudaanii fi humna Raappiid Sappoorti Foorsi (RSF) gidduutti Eebila bara 2023 irraa eegale,  lubbuu namoota kumaatamaan lakkaa’aman galaafachuun, miliyoonaan lakkaa’aman qe’ee irraa buqqisaa kan ture yoo ta'u,  lola kanaan keessumaa naannoolee Daarfuur, kibba Kordoofan, fi Biluu Naayil keessatti rakkoon namoomaa cimaan uumameera.

Waraanni Sudaan ibsa baaseen, kutaan waraana Lafoo, birgeedii 4'ffaan duula waraanaa karoorfame gaggeessuun, milishoota  humna Raappiid Sappoorti Foorsi (RSF) irratti tarkaanfii cimaa fudhachuun, naannoo Al-Silik deebisee to’achuu ibseera. 

Itti dabaluunis, walitti bu’iinsa kanaan humna deeggarsa Saffisaa (RSF) fi michuu isaanii Sochii Bilisummaa Uummata Sudaan-Kaabaa (SPLM-N) irratti kasaaraan lubbuu fi meeshaa guddaan qaqqabuu Waraanni Sudaan ibseera.

Kutaalee Sudaan 18 keessaa, naannoo Kaaba Daarfuufin alatti kutaalee biyyaa shanan naannoo Daarfuur dhihaa jiran hundi humna Raappiid Sapporti Foorsi (RSF)’n to'atamuun, Waraanni Sudaan immoo naannolee 13 hafan keessaa irra caalaan, naannoo kibbaa, kaabaa, bahaa fi giddugala biyyattii, magaalaa guddoo Kaartuum dabalatee, to’achuu itti fufuu isaa ibseera.

Wal-dhabdeen waraana Sudaaniifi humna Raappiid Sappoorti Foorsi (RSF) gidduutti Eebila 2023  jalqabe Kun, lubbuu namoota kumaatamaan lakkaa’aman galaafachuun, miliyoonaan kan lakkaa’aman qe’ee isaanii irraa buqqisuun rakkoo namoomaa hamaa itti fufsiisee jiraachuunis gabaafameera.


Similar posts:

Hirmaannaan sivilii Marii Berlin Irratti mul’achun jijjiirama guddaadha jedhan Ministeeri Muummee Sudaan duraanii Abdalla Hamdok

Chaayinaan murteen Yuunaayitid Isteetis Ulaa Hormuuz cufuuf dabarsite “gocha hamaafi kan itti gaafatama hin qabne” jechuun walii galteen dhukaasa dhaabuu ariitiin akka taasifamu gaafatte

Birriin Itoophiyaafi Paawundiin Sudaan Kibbaa maallaqa addunyaa humna bittaa dadhabaa qaban keessatti ramadaman

Raashiyaan Daa'imman Umurii waggaa 3tti meeshaa Waraanaa akka baratan ajajje!