Qondaali Waraanaa Chaayinaa guddaa fi Jeneraalli dhageettii guddaa qabu to'annoo jala oole!

Published Jan. 25, 2026, 3:25 p.m. by FNN Staff

362



ODUU FNN 

Waggootaaf Ijaarsa Waraana Chaayinaa irratti akkasuma dhaabbilee gurgurguddoo biyyattiitti dhageettii fi ol'aantummaa namni qaban Jeneraal Zhang Yixiao, sarbiinsa naamusaa
hamaa (malaammaltummaa)tiin shakkamanii
Qorannoon irratti gaggeeffamuu jalqabe.

Jeneraalli ganna 75 to'annaa jala oolfaman kun, Itti aanaa dura taa'aa Komishinii Waraanaa Jiddugaleessaa (CMC) fi miseensa Politburo Paartii Koominiistii Chaayinaa (CPC) turan.

Dhiheenna kana walgahii ijoo Pireezidaant Xi Jinping waamame irratti argamuu dhabuun  isaanii “wanta tokko uumeera” jechuun shakkiifis akka sababa tayeedha kan himamu.

Tarkaanfiin kun qaama duula farra malaammaltummaa pireezidaantichi qondaaltota sadarkaa ol'aanaa irratti gaggeessaa jiru keessaa tokkoodha.

Kan nama ajaa'ibu ammoo, Aanga'aan isaan dura turan Jeneraal Zaang Sheengmiin, Onkoloolessa darbe yakkuma kanaan  walfakkaatuun to'annoo jala oolaniiru.


Similar posts:

Baqattonni Itoophiyaa 65 Sa'uudiitti du'a eeggataa jiran birmannaa gaafatan

Sudaan Kibbaatti namoonni miiliyoona saddeetitti dhiyaatan balaa beela hammaataaf saaxilamuuf jiru jechuun dhaabbileen miti - mootummaa akeekkachiisan

Pirezidaantiin bulchiinsa yeroo Tigraay kan mootummaan federaalaa yeroo aangoo bulchiinsa isaanii waggaa 1f dheeresseef kaleessa kaabinee isaanii walgahii waamanii waliin marii irra turan.

Haleellaa Matakkalitti raawwateen ''hojjattoonni qeeraa torba ajjeefamuu'' jiraattonni himan