Boordiin Filannoo Tigraayitti naannooleefi buufataaleen filannoo akka qindaa’an irra deebiin gaafate

Published Jan. 24, 2026, 2:51 p.m. by FNN Staff

269



ODUU FNN

 Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa, filannoo waliigalaa biyyaalessaa marsa 7ffaa Caamsaa 24, 2018 A.L.I gaggeeffamuuf qophiin duraa akka cimuuf, naannoo Tigraayitti waajjirri naannolee filannoofi buufataalee filannoo akka qindaa’an, ji’a tokkoo keessatti yeroo lammaffaaf Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraayiif ifatti gaaffii dhiyeesse.

Akka xalayaa bulchiinsa yeroo naannichaa Tigraayitti ergameefi kanaan dura  Miidiyaan Addis Standard gabaasetti, boordichi yeroo ammaa sadarkaa biyyaatti adeemsa qophii filannoo gaggeeffamaa jiru raawwachaa akka jiru beeksiseera. Kana duraas, Muddee 3, 2018 A.L.I xalayaa barreesseen gaaffii walfakkaataa dhiyeessuu isaa yaadachiiseera.

Galmeen filattootaa Guraandhala 7, 2018 A.L.I irraatti akka jalqabu kan ibse boordiin filannoo, kanaafis buufataalee filannoo naannichaa keessatti argaman, akka qajeelfama boordiin duraan ergeefi irratti hundaa’uun bakka sirna GIS ni adda baafamee irratti qophii qindaa’ani ta’u isaanii hanga baatii Amajjii 25, 2018 A.L.Itti akka beeksisan xalayaan gaafateera.

Gaaffiin dhihaate kun, boordichi naannoo Tigraayitti filannoo gaggeessuun ni danda’amaa moo hin danda’amu waan jedhu murteessuuf, bulchiinsa yeroo naannichaa irraa gabaasa haala nageenyaa ifatti kennamu eegaa jiraachuu isaa beeksiseera.

Akka Addis Standard  Muddee 17, 2018 A.L.I gabaasetti, boordichi haala nageenyaa naannichaa bu’uureffachuun naannolee filannoo bakkoota magariisaa, keelloo fi diimaa jedhamanitti akka qoodaman bulchiinsa yeroo naannichaaf gaaffii dhiyeesseera. Akkasumas, bu’aan gamaaggamaa akkasii yoo hin dhihaanne, naannoo Tigraayitti dhimma filannoo gaggeessuu irratti akka murtii kennuu  hin dandeenye ibseera.

Yeroo sana, bulchiinsi yeroo naannoo Tigraay gaaffiin sun akka isa ga’e mirkaneesseera, akkasumas kaabinee naannichaa, qondaaltota  federaalaafi qaamolee dhimmi ilaallatu waliin mari’atee erga xumureen booda deebii akka kennu beeksiseera.

Pireezidaantiin Bulchiinsa Yeroo Tigraay, Letenaal Jeneraal Taaddasaa Warrada, dhimma kana irratti mariin adeemsifamaa jiraachuu isaa ibsuun, bulchiinsi isaanii yaada qabu dhiheenyatti akka beeksisu dubbatan turuun kan yaadatamudha.

Akkasumas “Filannoo naannoo Tigraayitti gaggeessuun ni danda’amaa moo hin danda’amu waan  jedhu irratti, qaamolee dhimmi ilaallatu waliin mari’annee booda deebii ni kennina,” jedhan etenaal Jeneraal Taaddasaa Warrada. Murtiin kamiyyuu haala qabatamaa lafarratti jiru sirriitti ilaalcha keessa galchuun akka kennamus dabalanii ibsaniiru. Filannoo dheeressuu irratti yaadni ka’uu kan danda’u, yoo haalli jiru filannoo gaggeessuun guutummaatti hin danda’amne ta’e qofa akka ta’es cimsanii dubbataniiru.

Dhimmuma kana irrattis Letenaal Jeneraal Taaddasaa Warrada mootummaa federaalaa waliin mari’achuuf Finfinnee seenuu isaanii ibsuun, hooggantoonni boordii filannoo irra caalaa haala nageenyaa naannoo Tigraayfi filannoo gaggeessuu danda’amu irratti sodaa akka  qaban kaasuu isaanii himaniiru.

Bulchiinsi yeroo naannichaa deebii ifaa lama keessaa tokko akka kennu beeksiseera, innis filannoon bara 2018 gaggeeffamuu akka danda’u sababoota gahaa waliin ibsuu, yookaan immoo filannoo gaggeessuu akka hin dandeenye haalonni taasisan jiraachuu isaanii sababoota waliin akka  ibsuu hubachiiseera

Akkasumallee  filannoo gaggeessuun dura ulaagaalee hedduu guutamuu akka qaban boordiin filannoo biyyaalessaa cimsee ibseera. Ulaagaaleen kunneen, waajjirri naannolee filannoofi buufataaleen filannoo jiraachuu isaanii, qaama miidhamtootaaf, dubartootaa fi maanguddootaaf mijataa ta’uu isaanii, qophiilee galmee filattootaa, akkasumas paartileen siyaasaafi dhaabbileen hawaasa sivilii bilisaan akka socho’an haala mijataa uumuu of keessatti kan qabatudha

Boordiin filannoo, paartilee siyaasaafi dhaabbilee hawaasa sivilii naannoo Tigraay keessa socho’an waliin mariifi leenjii adeemsisuun qunnamtii isaa akka itti fufu beeksiseera. Akkasumas, galmeen kaadhimamtootaa waajjira paartii yookaan bakkeewwan biraa filatamanitti akka gaggeeffamu, akkasumas adeemsa guutuu keessatti deeggarsi teeknikaafi loojistikii akka kennamu ibseera.


Similar posts:

Waraana Ameerikaa,Israa'el fi Iraan jiduutti balaan "wixinee misaa'elaa" dhufuuf jira!

Kooriyaan kaabaa gochaa Ameerikaa fi Israa'el iraan irratti raawwatan balaaleffatte.

Godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaatti humna finxaalessa Faannoo irratti jalqabee “ajaja gubbaa dhufe” jedhamee guyyoota muraasa keessatti dhaabsifamuun uummata gatii guddaa kafalchiisaa jiraachuu jiraattonni himan.

Gamtaan Mootummoota buufata baqattoota Suudaan keessatti haleellaan diroonii daa’imman irratti raawwatamuu hordofee nageenni daa’immanii yaaddoo keessa jiraachuu akeekkachiise.