Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi jala bultii Waltajjii Diinagdee Addunyaa Daavoositti taa'aamerratti michoota isaa dhiyoo NATO waliin lo-la itti fufuun yeroo kana xiyyeeffannoo isaanii gara UK'tti deebise

Published Jan. 20, 2026, 3:43 p.m. by FNN Staff

342



ODUU FNN

Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp ergaa Kibxata har'aa gama fuula miidiyaa hawaasaa isaanii "Truth Social" irratti erganiin, waliigaltee UK'n abbaa biyyummaa Odoola Chaagoos gara Moorisiyaatti dabarsuu ishee ''gocha go-wwummaa guddaa'' jechuun cimsee balaaleffate.
 Ministira Muummee Biriteen Keir Starmer Waliigaltee Caamsaa 2025 Moorisiyaa waliin taasifameen abbaa biyyummaa Odoola Chaagoos gara Moorisiyaatti dabarsuu, garuu buufata waraanaa tarsiimoo Ameerikaa fi UK odolawwan kanarra jiru (Diego Garcia) waggaatti doolaara miiliyoona 135.7n kireessuuf waliigaleera.

 Bulchiinsi Waayit Haawus duraanii waliigaltee kana kan deeggaru yoo tahu, Tiraamp tarkaanfii kana cimsee morme.

“Michuu keenya ‘qaroo’ NATO UK'n odola Diyeegoo Garsiyaa, bakka buufata waraanaa Ameerikaa murteessaa tahe, sababa malee Moorisiyaaf dabarsee kennuuf karoorfachuun ishee waan nama ajaa’ibudha, jechuudhaan Tiraamp tiwiitara isaanii irratti barreessaniiti jiru.

Pireezidaantichi itti dabaluudhaan; Raashiyaa fi Chaayinaan tarkaanfii UK kana guutumaan guututti akka“dadhabinaatti laaluu akka qabaniis ibsuudhaan,biyyoonni humna qaban kun humnaan qofa nagaa akka  kabajaniis akeekkachiise.

Tiraamp tarkaanfii Ingilizii kana Ameerikaan Giriinlaand kan Deenmaarkiin bulchitu bitachuuf sababa biraa tahuu kaase. 'Ingiliiz lafa barbaachisaa akkasii dhiisuun isaanii sababa nageenya biyyaalessaatiif Giriinlaandii maaliif bitachuu akka qabnu fakkeenya biraati jechuudhaan ibsite.

Tiraamp michoota NATO Awurooppaa saddeet kanneen bittaa Giriinlaandii morman irratti taarifa akka kaa’an doorsisuu isaanii CNN gabaaseeti jira. 

Gama biraatiin hariiroon Ameerikaa fi Awurooppaa yeroo kamuu caalaa sadarkaa gad aanaa irra jiraachuusaati. 
Wiixata kaleessaa Tiraampi UK malees, wayinii fi shaampaayin Faransaay irratti taarifa %200 akka kaa’an doorsisaniiru. 

Pireezidaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakroon gaaffii Tiraamp “boordii nagaa” Gaazaa hundeesse keessatti akka makamaniif dhiyeessan kuffisuu isaanii kaasuun isaanii ni yaadatama.


Similar posts:

Baqattonni Itoophiyaa 65 Sa'uudiitti du'a eeggataa jiran birmannaa gaafatan

Sudaan Kibbaatti namoonni miiliyoona saddeetitti dhiyaatan balaa beela hammaataaf saaxilamuuf jiru jechuun dhaabbileen miti - mootummaa akeekkachiisan

Pirezidaantiin bulchiinsa yeroo Tigraay kan mootummaan federaalaa yeroo aangoo bulchiinsa isaanii waggaa 1f dheeresseef kaleessa kaabinee isaanii walgahii waamanii waliin marii irra turan.

Haleellaa Matakkalitti raawwateen ''hojjattoonni qeeraa torba ajjeefamuu'' jiraattonni himan