Godina Matakkal Aanaa Dibaaxii keessatti Waraanni mootummaa Federaalaa Ummata Oromoo qe'ee fi qabeenya isaa irraa buqqise.
Published Jan. 20, 2026, 2:11 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Ummata Oromoo Godina Matakkal Aanaa Dibaaxii gandoota baadiyyaa akka Damaddas ,coqorsa,Tuskii Gambeellaa,Daalattii fi Geeshee keessaa Ummata Oromoo waraanni Federaalaa qabeenyaa dhiisee akka buqqa'u taasisaa jiraachuu maddeen naannichaa nuuf himan.
Akka maddeen naannichaa nuuf himanitti torban dabarsine kana keessa humni addaa Naannoo Beenishaangul Aanaa Gulan irraa ka'anii Aanaa Dibaaxii ganda Damaddas deemuun barattoota dabalatee jiraattota irra miidhaa qaqqabsiisuu isaanii gabaasnee turre.
Humni Addaa naannichaas reebicha qaqqabsiisuu cinaatti hawaasa Oromoo ganda Damaddas jiraatu torban tokko keessatto lakkisanii akka bahan itti himuun yoo lakkisuu baatan gaafa deebi'anii dhufan akka isaan fixan itti himuu isaanii jiraattotni nuuf himuu isaanii isiniif gabaasnee turre.
Kuni kanaan osoo jiruu Amajji 18 waraanni federaalaa Aanaa Dibaaxii gandoota baadiyyaa akka Damaddas ,coqorsa,Tuskii Gambeellaa,Daalattii fi Geeshee keessaa Jiraattotni dhalattoota Oromoo tahan akka buqqa'an taasisan godhaniiru.
Haaluma kanan Ummatni Oromoo gandoota baadiyyaa Aanaa Dibaaxii keessa jiran keessaa buqqa'an gara Giiphoo,Gaalessaa fi Qorqaatti godaananii jiru.
Hawaasni Oromoo Amajji 18/2026 akka buqqa'u taasifame beelladoota manaa isaanii qofa ooffachuun qabeenya isaanii dhiisanii godaanaa turuu jiraattotni nuuf himaniiru.
Akka jiraataan naannichaa buqqa'aa jiru tokko yaada isaa nuuf himetti waraanni federaalaa Amajji 18/2026 ganama irra dhufanii akka nuti mana keenya cufnee loon keenya ooffannee godaannu nu taasisan jedhe.
Ajaja gubbaa irraa dhufedha waan taheef dirqamaan har'a godaanuu qabdu nuun jedhani waraanni federaalaa kunneen kan jedhan jiraataan kun nuyis namni loon qabu ooffatee gara aanaa Dibaaxii jala gandoota baadiyyaa akka Giiphoo,Gaaleessaa fi Qorqaatti godaanne jedhan.
Guyyaa har'aa Amajji 19/2026 immoo waraanumti federaalaa nu buqqise bakka ummatni Oromoo godaanee jirutti argamuun namoota muraasaaf akka deemanii midhaan nyaataa fe'atanii deebi'aniif eeyyamaniif namootni deemanii midhaan nyaataa fi qabeenya muraasa fe'ataa turanii jedhan.
Sababaan qe'ee fi qabeenya keenya irraa waraanni mootummaa federaalaa nu buqqise ifatti beekuu baannus operation waraanaa taasisuuf jirra kan jedhaniin akka tahe odeessa namoota irraa dhageenye jedhu jiraattotni.
Yeroo ammaa kanas Hawaasni Oromoo gandoota baadiyyaa Aanaa Dibaaxii keessaa buqqa'e kun ijoollee isanii qabatanii bakka itti godaananitti muka jala qubannee haala hamaa keessa jirra jedhan

Similar posts:
Waraana Ameerikaa,Israa'el fi Iraan jiduutti balaan "wixinee misaa'elaa" dhufuuf jira!
Kooriyaan kaabaa gochaa Ameerikaa fi Israa'el iraan irratti raawwatan balaaleffatte.
Godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaatti humna finxaalessa Faannoo irratti jalqabee “ajaja gubbaa dhufe” jedhamee guyyoota muraasa keessatti dhaabsifamuun uummata gatii guddaa kafalchiisaa jiraachuu jiraattonni himan.
Gamtaan Mootummoota buufata baqattoota Suudaan keessatti haleellaan diroonii daa’imman irratti raawwatamuu hordofee nageenni daa’immanii yaaddoo keessa jiraachuu akeekkachiise.