Gartuun Bulchiinsa Mootummaa Yamanii Saa’udiin deeggaramu Gamtaan Eemireetotaa Yemen keessatti mana hidhaa dhoksaa qabdi jechuun himate
Published Jan. 20, 2026, 1:49 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Bulchiinsi Mootummaa Yamanii kan Saa’udii Arabiyaan deeggaramu mootummaan Gamtaa Eemireetota Arabaa magaalaa buufata doonii Kibba Yaman Mukallaa keessatti mana hidhaa dhoksaa akka qabdu himate. Gamtaa Eemireetota Arabaa garuu haalli kun dhara jechuun haaleera.
Himanni kun wal morkii biyyoottan boba’aan badhaadhan Galoo Galaana Arabaa ittuu kan hammeesse jedhameera.
Himata kana kan dhiyeessan Saalem Al Kaanbaashii, Bulchaa Kutaa Bulchiinsa Baha Yaman Haadraamaawunti yoo ta’an, kanas wayita imala Saa’udiin deeggarame gara magaalaa cinaa Mukallaatti argamtutti miidiyaalee akka Rooyitarsi waliin imalanitti dubbatan ta’uun himameera.
Al Kaanbaashiin ibsa miidiyaaleef kennaniin, tarkaanfiin Gartuu Yaman keessatti fottoqsuuf socho’an akkasumas sochii Gamtaa Eemireetota Arabaa irratti tarkaanfiin akka fudhatamu ibsaniiru.
Gaggeessi Yaman Saa’udiin deeggartu kan haa jedhan male, himata kana Gamtaan Eemireetota Arabaa garuu himata kana haaltee jirti.
Similar posts:
Baqattonni Itoophiyaa 65 Sa'uudiitti du'a eeggataa jiran birmannaa gaafatan
Sudaan Kibbaatti namoonni miiliyoona saddeetitti dhiyaatan balaa beela hammaataaf saaxilamuuf jiru jechuun dhaabbileen miti - mootummaa akeekkachiisan
Pirezidaantiin bulchiinsa yeroo Tigraay kan mootummaan federaalaa yeroo aangoo bulchiinsa isaanii waggaa 1f dheeresseef kaleessa kaabinee isaanii walgahii waamanii waliin marii irra turan.
Haleellaa Matakkalitti raawwateen ''hojjattoonni qeeraa torba ajjeefamuu'' jiraattonni himan