Aanaan Kiiramuu bakka qubannaa, bakka itti wal ijaarmaa fi ulaa ittiin finxaaleyyiin Faannoo daddarbanii godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa ittiin goolan ta'uu jiraattonni dubbatan.

Published Jan. 19, 2026, 3:22 p.m. by FNN Staff

394



ODUU FNN

Bakki humnoonni finxaaleyyii Faannoo naannoo Amaaraatii dhufan itti gurmaa'anii buufata taasifatan inni guddaan godina Wallagga Bahaa aanaa Kiiramuuti jedhu jiraattonni.

Aanichatti caasaan mootummaa Oromiyaa gandoota 19 keessaa guutuutti diigamuu, bulchiinsi aanaa magaalaa qofaa akka of harkaa qabu jiraattonni maddeenitti himan.

Aanaan Kiiramuu bakka qubannaa, bakka itti wal ijaarmaa fi ulaa ittiin finxaaleyyiin Faannoo daddarbanii godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa ittiin goolan ta'uu jiraattonni dubbatan.

Godina Wallagga Bahaatii aanaaleen Kiiramuu,  Giddaa Ayyaanaa, Guutoo Giddaa fi Sibuu Siree akkasumas godina Horroo Guduruu Wallaggaatii aanaaleen Jaardagaa Jaartee, Amuruu fi Abee Dongoroo haleellaa humnoota finxaaleyyii Faannootiin balaa guddaa jala jiruu jedhan jiraattonni.

Buufanni, bakki leenjii fi ulaan ittiin daddarba humnoota finxaaleyyii Faannoo immoo aanaa Kiiramuu akka ta'e himaniiru.

Mootumaan Oromiyaa caasaa aanaalee kanneenii sirriitti sakatta'uu, warra rakkoo qabu aangoo irraa kaasuu, caasaa warra quuqama qabuun bifa haaraatiin gurmeessuu feesisaa jedhu.

Caasaan gandaa mootummaan Oromiyaa waggaa dura labse aanaalee kanneenitti humna namaa quuqama uummataa fi beekumsa qabuun jabaachuun akkasumas mootummaan Oromiyaa xiyyeeffannaa kennee humna jabaa humnoota finxaaleyyii adamsee tarkaanfii irratti fudhatu naannoo sanatti bobbaasuun uummata barootaaf haleellaa humnoota finxaaleyyiitiin gidira argaa jiru afuura baafachiisuu akka qabu dhaamaniiru.


Similar posts:

Baqattonni Itoophiyaa 65 Sa'uudiitti du'a eeggataa jiran birmannaa gaafatan

Sudaan Kibbaatti namoonni miiliyoona saddeetitti dhiyaatan balaa beela hammaataaf saaxilamuuf jiru jechuun dhaabbileen miti - mootummaa akeekkachiisan

Pirezidaantiin bulchiinsa yeroo Tigraay kan mootummaan federaalaa yeroo aangoo bulchiinsa isaanii waggaa 1f dheeresseef kaleessa kaabinee isaanii walgahii waamanii waliin marii irra turan.

Haleellaa Matakkalitti raawwateen ''hojjattoonni qeeraa torba ajjeefamuu'' jiraattonni himan