Kibba baha Suudaanitti haleellaa dirooniitiin namoonni 27 ajjeefaman.
Published Jan. 14, 2026, 2:27 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Haleellaa dirooniin buufata ajaja waraanaa magaalaa guddoo naannoo Suudaan kutaa Sennar Sinjaatti raawwatameen yoo xiqqaate namoonni 27 yoo du’an, 73 ammoo madaa’uu aanga’oonni fayyaa biyyattii beeysisaniiru.
Haleellaa kana kan raawwate garee finciltootaa Rapid Support Forces (RSF)akka ta'e ibsameera.
Haleellaan kun waajjira muummee waraana Suudaan kutaa waraana miilaa 17ffaa irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, wayita taateen sini raawwatamutti walgahii nageennaa bulchitoonni kutaalee Sennar, White Nile fi Blue Nile, akkasumas qondaaltonni waraanaa ol'aanoo irratti hirmaataa akka turan himamaa jira.
Bulchaan kutaa biyyaa White Nile haleellaa kana jalaa haga xiqqoodhaaf kan miliqe yoo ta'u, eegduun dhuunfaa isaa fi daayreektarri pirootokoolii isaa garuu namoota du'an keessaa tokko.
Akka Ministirri Fayyaa Naannoo Sennar Ibraahim al-Awaad jedhanitti, lakkoofsi namoota du'anii dabaluu danda'a jedhamee sodaan jiraachuu dubbataniiru.
Haleellaan kun kan raawwatame erga mootummaan Suudaan teessoo yeroof qabu Poort Suudaan irraa gara magaalaa guddoo biyyattii Kaartuumitti akka deebi’u erga beeysisee guyyaa tokko booda yoo ta’u, bakka gara waggaa sadiitti dhiyaatu ture.
Hagayya bara 2023 irraa eegalee waldhabdee dhiiga dhangala’aa waraana Suudaanii fi Humnoota Deeggarsa Saffisaa jidduutti uumameen lammiileen nagaa kuma kudhaniin lakkaa’aman ajjeefamanii, miliyoonaan lakkaa’aman qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru.
Similar posts:
Baqattonni Itoophiyaa 65 Sa'uudiitti du'a eeggataa jiran birmannaa gaafatan
Sudaan Kibbaatti namoonni miiliyoona saddeetitti dhiyaatan balaa beela hammaataaf saaxilamuuf jiru jechuun dhaabbileen miti - mootummaa akeekkachiisan
Pirezidaantiin bulchiinsa yeroo Tigraay kan mootummaan federaalaa yeroo aangoo bulchiinsa isaanii waggaa 1f dheeresseef kaleessa kaabinee isaanii walgahii waamanii waliin marii irra turan.
Haleellaa Matakkalitti raawwateen ''hojjattoonni qeeraa torba ajjeefamuu'' jiraattonni himan