Ogeeyyiin fayyaa Naannoo oromiyaa iddoowwan garaagaraattii argaman kaffaltii hojii saa'atii idileen alaa Wal qabatee rakkoo keessa Akka jiran Godinaalee Oromiyaa garaagaraa irraa komii isaanii dhageessisaa jiraachuun barame.
Published Jan. 12, 2026, 4:01 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Ogeeyyiin fayyaa Naannoo oromiyaa iddoowwan garaagaraattii argaman kaffaltii hojii saa'atii idileen alaa Wal qabatee rakkoo keessa Akka jiran Godinaalee Oromiyaa garaagaraa irraa komii isaanii dhageessisaa jiraachuun barame.
Mootummaan Bara Kana Miindaa hojjetoota mootummaa seektaroota hundayyuu Akka dabale nii yaadatama,haaluma kanaan seektarri fayyaas isaan keessaa Isa tokkodha kan jedhan ogeeyyiin kunneen,
Kanuma hordofee Ogeeyyiin fayyaa hojii saa'atii idileen alaa kan qaban yoo ta'u haaluma Miindaa isaaniitiin kaffaltiin kan kaffalamuufidha .
Daballii Miindaa Akka federaalaatti taasifame irratti hundaa'uudhan Naannoon biraa iskeelii Miindaa haaraatiin Ogeeyyii fayyaatiif kaffantii hojii saa'atii idileen alaa taasisaafi kan jiran yoo ta'u, naannoon Oromiyaa iskeelii Miindaa duraatiin isiniif kaffalla nuun jedhan kan jedhan Ogeeyyiin kunneen, Nannoolee biroo irraa adda ta'uun keenya gaaffii nutti ta'eeras jedhan.
Miindaa isa haaraatiin kaffalamuufi dhabuun isaa Ogeeyyii fayyaa Naannoo oromiyaa kan muufachise ta'u maddeen keenyaaf kan himan ogeeyyiin kunneen, kanuma hordofee Miindaa isa haaraatiin nuuf kaffalamu qaba jedhanii mormuun Godinaale Oromiyaa garaagaraa keessatti kaffaltiin kun ji'oottan 4f osoo hin kaffalamiiniif hojjechaa Akka jiranis dubbatanii jiru.
Inumaayyuu Qaama Dhimmichi ilaallatu deddeebinee gaafannus Kun kallattii qaama olaanoo irraa nuuf kennameedha jechuun nuuf deebisus" jedhan.
"Boqonnaa malee hojjechaa kaffaltii nuuf malus dhabaa jirra,Nannoolee biraa irraas maaltu Adda nu taasisa" jechuun Ogeeyyiiwwan Godinaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti argaman haala qabatamaa Keessa jiraan nuuf qoodan.
Dhimma kana irrattii gama ministeera fayyaa Oromiyaatiin deebii fi furmaannii Akka Itti nuuf kennamu barbaannas jedhan.
‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’
Godina Wallagga Bahaa Aanaa Kiiramuutti tibbana hidhattoonni finxaaleyyii Faannoo naannoo Amaaraatii dhufan dabalaa jiraachuu jiraattonni dubbatan.
Jiraattonni akka jedhanitti, caasaan mootummaan naannoo Oromiyaa Aanaa Kiiramuuti qabu diigamee jira jedhan
Gandoonni 19 caasaa mootummaa wayiituu akka hin qabne eeranii, hidhattoota finxaaleyyii Faannootu keessa socho'a jedhan.
Mootummana naannoo Oromiyaa gandoota lama kan magaalaa qofaa keessaa caasaa akka qabu jiraattonni maddeen keenyatti erga himanii, Hidhattoonni finxaaleyyii kanaan onnatan humna dabalataa laga Abbaayyaa ceesisanii gara Aanichaa galchaa akka jiran maddeen keenyatti himanii jiru.
Caasaan mootummaa diigamee uummanni Oromoo ona sanaa haleellaa hidhattoota finxalaeyyii jalatti dararaa hamaa argaa akka jiru jiraattonni dubbataniiru.
‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’
Naannoo Beenishaangul Gumuz godina Matakkal Aanaa Dibaaxeetti humnoonni mootummaa dhalattoota Oromoo achi jiraatan irratti haleellaa raawwatan jedhame.
Aana Waambaraattis qabeenyi dhalattoota Oromoo akka saamamuu fi manca'u taasifamuutu ibsame.
Jiraattonni maddeeniif yaada isaanii kennan, Aanaa Dibaaxee gandoota Caancoo fi Geeshee jedhaman keessatti manneen 30 caalaa humnoonni mootummaa qabeenya waliin gubanii jedhan.
Midhaan ala tuulamee turellee hin hafnee kan jedhan jiraattonni, yakka guddaatu nurratti raawwatame jedhan.
Gandi uummanni keessa jiraatu jumlaadhumaan gubamuu kan dubbatan jiraattonni kunnee,
Namni mana koo na jalaa hin gubinaa jedhee kadhataa ture tokko humnoota mootummaatiin rasaasa itti dhukaafameen lubbuu isaa dhabuus jiraattonni himaniiru.
Godinuma Matakkal ona Waambaraatti ammoo qabeenyi uummata Oromoo achi jiraatuu saamamuu maddeen Aanichaa ifoomsanii jiru.
Gandoota Wagdii fi Gochor jedhamanii uummanni buqqaafamee magaalatti akka walitti qabamu taasifamee jedhan.
Ergasii qabeenyi isaanii manca'uu fi saamamuu jiraattonni irra deebiin maddeen keenyaaf ifoomsanii jiru.
Similar posts:
ODUU TAATEE TORBAN KANA KEESSAA.
Kaaba Itoophiyaatti duumessi waraanaa yeroo 2ffaa duumessaa'ee jira jedhan
Walitti bu'iinsi yeroo ammaa naannoo Amaaraas ta'ee Itoophiyaa guutuutti mul'atu hoggansi kan kennamuu fi loojistiksiin kan dhiyaatu Maqalee fi Asmaraarraa ta'uu ummanni keenya beekuu qaba jedhe Biiroon bulchiinsa naannoo Amaaraa.
UN muddama Itoophiyaa naannoo Tigraayitti muudate irratti ibsa kenne