Manni murti himatni obbo Taayyee Danda'aa tokko akka fooyya'u murteesse
Published Jan. 1, 2026, 1:09 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Beellama har'aatiin Obbo Taayyeen harkisaanii kaateenaa (cancalaan) hidhamee gara dhaddachaa seenan.
cancalaan hidhamee mana murtiitti hin dhiyaadhu akka jedhan kan himame Deetaan Ministeera Nagaa duraanii Obbo Taayyeen, har'a Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataatti dhiyaataniiru.
Gara dhaddachaa yeroo seenanis harkisaanii cancalaan hidhamee, uffata halluu diimaa dugdarraa barreeffamni 'Sirreeffamaa Federaalaa' jedhu irratti barraa'e uffatanii ture.
Obbo Taayyee Danda'aa gara dhaddachaa seenuu isaaniin dura poolisiin mana sirreessaa kaateenaa harkasaaniirraa hiikuuf gaafatus heeyyamamaa akka hintaane himeera.
Gara dhaddachaa erga seenanii booda komiisaanii kan dhiyeeffatan Obbo Taayyeen, poolisoonni mana sirreessaa mana murtii erga gahanii booda 'sirraa hiikna' jedhaniinis 'dhaddachi ilaaluu qaba' jechuun diduusaanii himaniiru.
Kana malees yeroo waggaa 1 fi ji'a 8'f (kaateenaan) hidhamee hin beeku kan jedhan angawaan duraanii kun, gochaan irratti raawwatame seeraan ala ta'uusaas dubbatan.
Abukaatoon isaanii Abarraa Nigus gama isaaniitiin, ''maamilakoorra wanta qoccollaa fakkaatutu raawwatame'' jechuun komataniiru.
Manni murtichaa gama isaatiin Obbo Taayyeen gara dhaddachaa erga seenanii boodaa kaateenaan harkarraa akka hiikamu ajaje.
Dabalataan kanaan booda kaateenaan osoo hin hidhamin gara mana murtii akka dhiyaatan kana dura ajaja kennee akka ture himuun, amalli haaraan agarsiisaan waan hin jirreef kana booda kaateenaan hidhamanii gara mana murtii akka hin dhiyaanne ajaja kenneera.
Abukaatoon himatamaa Obbo Taayyeen kanaan dura alarjii kan qaban ta'uusaatiin kaateenaan harkasaaniirra akka hin kaawwamne iyyatanii manni murtiis iyyatasaanii fudhatee kaateenaa malee dhiyaachaa akka turan himaniiru.
Gama biraatiin yakka meeshaa waraanaa seeraan alaa qabatanii argamuun hidhaan cimaa waggaa 7fi ji'a 2 irratti murtaa'ee Mana Sirreessaa Qilinxoorraa gara Mana Sirreessaa Abbaa Saamu'el jedhamuun beekamutti erga dabarfamanii booda sarbamni mirga namoomaa irratti raawwatamuusaa Obbo Taayyeen mana murtichaaf kaasaniiru.
Manni murtichaa gama isaatiin himatamaan komii isaanii barreeffamaan akka dhiyeeffatan ajaja kenneera.
Gama biraatiin Obbo Taayyeen himatawwan haaraa sadi ji'a tokko dura irratti banamuun Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataatti ilaalamaa jiraachuunsaa ni beekama.
Manni murtichaas dhimma himatawwan haaraa kunneeniin walqabatee dhaddacha har'aatiin jalamurtii kenneera.
Manni Murtii himatawwan haaraa sadeen Abbaan Alangaa ji'a tokko dura Obbo Taayyeerratti baneefi mormii himataa dhiyaate qoratee jalamurtii laachuuf ture har'atti kan beellame.
Kana malees gaafii mirga wabii himatamaan dhiyeeffatan irrattis jalamurtii laachuuf ture.
Haaluma kanaan manni murtichaa gaafii mirga wabii dhiyaate kufaa kan taasise yemmuu ta'u, himatawwan sadeen keessaa inni tokko akka fooyya'u murteesseera.
Kunis himata tokkoffaa Seera Yakkaa bara 1996 bahe keewwata 257 ilaalchisuun dhiyaate yemmuu ta'u, keeyyatni kun yakkoota keewwatawwan biroo keessatti eeraman kan wabeeffatu ta'uusaatiin Abbaan Alangaa himata kana akka foyyeessu jalamurtii kenneera.
Manni murtichaa galmee kana ilaalufis ALI Amajjii 13, 2018'titti beellama qabateera.
Similar posts:
Baqattonni Itoophiyaa 65 Sa'uudiitti du'a eeggataa jiran birmannaa gaafatan
Sudaan Kibbaatti namoonni miiliyoona saddeetitti dhiyaatan balaa beela hammaataaf saaxilamuuf jiru jechuun dhaabbileen miti - mootummaa akeekkachiisan
Pirezidaantiin bulchiinsa yeroo Tigraay kan mootummaan federaalaa yeroo aangoo bulchiinsa isaanii waggaa 1f dheeresseef kaleessa kaabinee isaanii walgahii waamanii waliin marii irra turan.
Haleellaa Matakkalitti raawwateen ''hojjattoonni qeeraa torba ajjeefamuu'' jiraattonni himan