Naannoo Tigraayitti mindaa hojattootaaf qarshii biiliyoona 20 akka isa barbaachisu barame.
Published Sept. 6, 2025, 4:14 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Naannoo Tigraayitti mindaa hojattootaaf qarshii biiliyoona 20 akka isa barbaachisu barame.
Bulchiinsi Yeroo Naannoo Tigraayi, miindaa hojjattoota osoo hin kaffalin hafee kaffaluuf qarshii biiliyoona 20 akka isa barbaachisu beeksise.
Itti Aanaan Pireezidaantii Bulchiinsa yeroo naannoo Tigraayi, Obbo Amaanu’eel Asaffaa, wayita marii hojattoota sektara barnootaa waliin taasifametti ibsuunis miidiyaaleen naannichaa ibsee jira.
Obbo Amaanu’eel itti dabaluun akka jedhanitti gaaffiin hojattootaa sirrii akka ta’e amanuun, qarshii jedhame kana kaffaluun ulfaatadha waan ta’eef baajata bara dhufuu keessatti qabannee itti deemuu dandeenya jedhan.
Adoolessa darbe himata Barsiisotaa hordofuun manni murtii Waliigalaa Tigraayi, lakkoofsa herreega baankii bulchiinsa yeroo tigraayi akka ugguramuu fi mindaan hijattootaa kan ji’oota 17’f hojii dhaabanii turan barsiisota naannoo Tigraayi jiraniif qarshiin miiliyoona 500 akka kaffalamu ajajuusaa ni yaadatama.
Similar posts:
Baqattonni Itoophiyaa 65 Sa'uudiitti du'a eeggataa jiran birmannaa gaafatan
Sudaan Kibbaatti namoonni miiliyoona saddeetitti dhiyaatan balaa beela hammaataaf saaxilamuuf jiru jechuun dhaabbileen miti - mootummaa akeekkachiisan
Pirezidaantiin bulchiinsa yeroo Tigraay kan mootummaan federaalaa yeroo aangoo bulchiinsa isaanii waggaa 1f dheeresseef kaleessa kaabinee isaanii walgahii waamanii waliin marii irra turan.
Haleellaa Matakkalitti raawwateen ''hojjattoonni qeeraa torba ajjeefamuu'' jiraattonni himan