Mishigaanitti namichi dhukasa banee waldaa gube namoota afur galaafate.

Published Sept. 30, 2025, 5:58 a.m. by FNN Staff

391



ODUU FNN

Mishigaanitti hidhataan tokko konkolaataadhan waldaa amantoota Kisristaanaa konkolaataadhaan cabsee seenee dhukaasa banuun ibidda itti qabsiise namoota afur galaafatee namoota biroo saddeet ammoo madeesse. 

Haleellaan kun waldaa Church of Jesus Christ of Latter-day Saints jedhamurratti wayita amantootni dhibbaan lakkaa'aman walitti qabamanii sagantaa gaggeessaa jiran akka raawwate ibseera. 

Hidhataan kun Toomaas Jaakoob Saanfoord kan jedhamu yoo ta'u gaheessa waggaa 40 ta'uu fi iddoo konkolaata dhaabanitti Poolisiin ajjeefamuun gabaafameera. 

Kaayyoon gocha kanaa maal akka ta'e ammatti ifa hin taane. Ammoo haleellaa xiyyeeffannoon raawwatame ta'uu ibseera. 

Poolisiin Mishigaan hidhataa kanatti dhukasuun ajjeesuu ibseera. 

Hidhataan kun dhukaasa banee daqiiaa saddeet booda Poolisii dafee naannicha dhaqqabeen itti dhukaafamee ajjeefame. 

Wayita dhukaasni banamu amantootni daa'imman dhoysaa turan jedhameera. 

Warra du'an keessaa namootni lama itti dhukaafamee ajjeefaman warri biroon lama ammoo du'anii argaman. 

Booda gareen Poolisii addaa boombii dhokataa sakatta'u naannichatti bobbaafamuu Poolisiin Mishigan ibseera.


Similar posts:

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa dhaabbilee hawaasaa siiviikii 45’f filannoo haa taajjabaniif beekamtii kenne

Godina Wallagga Lixaa Aanaa Gullisoo Ganda Maarutti Mootummaan Ummata Nagaa Fixuun Barame.

Godina Kibba Lixa Shaggar Ona Toleetti ergamtoonni mootummaa PP namoota nagaa ukkaamsuun achi buutee isaanii dhabamsiisuu jiraattonni dubbatan.

Oromiyaatti bakkeewwaan mana hidhaa fii kaneen biroo keessaatti shakkamtoota to’ataman irratti reebichi fi sodaachisi gahaa jiraachuu KMNI gabaase.