Oromiyaatti bakkeewwaan mana hidhaa fii kaneen biroo keessaatti shakkamtoota to’ataman irratti reebichi fi sodaachisi gahaa jiraachuu KMNI gabaase.

Published Sept. 29, 2025, 7:35 a.m. by FNN Staff

426



ODUU FNN

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itiyoophiyaa, naannoo Oromiyaatti shakkamtoonni waajjiralee poolisiif manneen sirreessa keessa jiran haala yeroo jechuun yeroo dheeraaf hidhamuu dabalatas doorsifamaa, sodaachifamaa fi reebamaa akka jiran hordoffii taasiseen bitra gahuu ibse.

Shakkamtoonni buufatalee poolisii fi bakka tursiisaa jiran mana murtiitti osoo hin dhiyaatin  ukkaamfamanii kan turaniif “dhimmoota haala  yeroo ” jedhuun osoo hin himatamin yeroo dheeraaf ukkaamfamuu turuu isaanii gabaafameera.  Naannoo rakkoo nageenyaa jirutti miseensonni maatii bakka shakkamtootaa ukkaamfamaa akka jiran; akkasumas namoonni mana murtiitiin bilisa ta’an “dhimma haala yeroo ” jedhuun hidhamaa akka jiran himan.

Dabalataan waajirallee poolisii tokko tokko keessatti namoonni ukkaamfamuu isaaniis gabaafameera. Shakkamtoonni mana isaanii irraa fagootti hidhaman hanqina nyaataa isaan mudachuufi manneen nyaataa, nyaata bitatan naannoo isanitiin dhabuun rakkachaa jiraachuus, akkasumallee yeroo dhukkubsatan yaala fayyaa argachuu dhabuun isaaniis dhimma yaaddoo ta’uun cinaatti, poolisiin gara wiirtuuwwan yaalaa geessuuf birrii 500 hanga 1,000 kaffaluuf dirqama akka ta’e himaniru.

Komishinichi hordoffii buufataalee poolisii keessatti taasiseen, “reebichi shakkamtoota irratti sirnaan raawwatamaa akka jirus” ibseera.

Koomishiniin Mirgoota Namoomaa buufataalee poolisii keessatti bishaan dhugaatii  qulqulluun jiraachuu dhabuu fi manneen bultii  garmalee akka guutaman ibsuun kuni immoo qilleensaa qulqulluu fi ifa gahaa akka hin galle  akkasumallee hidhamtonni  firaashii fi uffata halkanii akka hin qabnes eerera. Kan males shakkamtoonni yeroo dhukkubsatan yaala fayyaa argachuu dhabuun isaaniis dhimma yaaddoodha; akkasumas poolisoota waliin deemaniif birrii 500 hanga 1000 kaffaluun gara wiirtuuwwan yaalaa deemuuf akka dirqaman ibseera.

Shakkamtoota umurii fi haalawwan seeraan tumaman biroo irratti hundaa’uun bakka tursiisaa gahaa ta’e dhabuun, akkasumas tajaajilli haala daa’imman haadholii to’annaa jala jiranii, qaama miidhamtoota fi maanguddoota shakkamtoota waliin jiraatan tilmaama keessa galchu dhabuunis akka dhimmoota yaaddooti  kaafamaniiru.

Buufata poolisii koomishinichaan  hordofaman keessa shakkamtoota ilaalchisuun mirga namoomaa irratti adda baafame keessaa; Sabummaa fi ilaalcha siyaasaa dabalate garaagarummaa biroo irratti hundaa’uun hidhamuu, kanneen toowwannoo jala jirani maatii isaanii, abukaatoo fi firoota birootiin akka wali hin argines ” gochaa jiraachuunis himame.

Buufata poolisii tokko tokkotti immoo shakkamtoota harka qalleeyyiif nyaata kennuunis akka qabxii jabaattii ka’uun ibsameera.

Hirmaattonni marii kana irratti gabaasa hordoffii Koomishinii Mirgoota Namoomaa dhiyaate haala yeroo buufataalee poolisii fi bakkeewwan seeran ala namoota itti tursiisan kan naannichaa agarsiisu ta’uu ibsaniru. Dhimmoota xiyyeeffannoo dabalataa barbaadaniif dursa kennuudhaan fi yaada koomishiinichi kenne irratti hundaa’uun ilaalcha mirga namoomaa shakkamtootaa fooyyessuuf akka hojjetan ibsaniiru.

Itti aanaan Komishinii Poolisii Oromiyaa Jeneraal Zarihuun Dhugumaa gabaasa hordoffii waggaa waggaan Koomishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa mirga namoomaa shakkamtootaa irratti baasu hojii dhaabbileen poolisii gaggeessuuf qabeenya gatii guddaa qabu ta’uu eeruun, “Qaawwa jiru cufuuf ni hojjenna” jedhan.

Itti aanaan Daarektarri Olaanaa Kutaa Hordoffii fi qorannoo Mirga Namoomaa koomishiinichaa Obbo Badhaasaa Lammeessaa, rakkoolee wal’aansa mirga namoomaa shakkamtootaa waliin walqabatan furuuf qooda fudhattoonni walitti dhiyeenyaan hojjechuun murteessaa ta’uu yaadachiisaniiru; ISMCOn gama kanaan sochii isaa cimsee akka itti fufus ibsan. 


Similar posts:

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa dhaabbilee hawaasaa siiviikii 45’f filannoo haa taajjabaniif beekamtii kenne

Godina Wallagga Lixaa Aanaa Gullisoo Ganda Maarutti Mootummaan Ummata Nagaa Fixuun Barame.

Godina Kibba Lixa Shaggar Ona Toleetti ergamtoonni mootummaa PP namoota nagaa ukkaamsuun achi buutee isaanii dhabamsiisuu jiraattonni dubbatan.

Mishigaanitti namichi dhukasa banee waldaa gube namoota afur galaafate.