Boordiin Filannoo Biyyaalessaa dhaabbilee hawaasaa siiviikii 45’f filannoo haa taajjabaniif beekamtii kenne

Published Dec. 16, 2025, 3:45 p.m. by FNN Staff

194



ODUU FNN

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa, Filannoo biyyaalessaa 7ffaa biyyattii akka taajjabaniif dhaabbilee hawaasaa siiviikii 45 ta’aniif guyyaa harraa Mudde 16, 2025 beekkamtii kenneefii jira. Boordichi ibsa isaan, beekamtiin kun akkaataa tumaa seeraan raawwatamuu dubbate. Kunis seerota akka seera filannoo Itoophiyaa, Galmee Paartilee Siyaasaa, Labsii Filannoo Lakk. 1162/2019fi labsii Hundeeffama Boordii Filannoo Biyyaalessaa Lakk. 1133/2019 darbees hojmaata labsii kallattii hojii Lakk. 5/2020 kan akkaataa beekkamtii taajjabdootaaf beekkatii kennamu eeru kan eeggatedha jedhe. 

Dhaabbileen miti mootummaa beekamtii argatan akkaataa mirgaafi itti gaafatamummaa seeraafi qajeelfama hojiirra jiruun hojiiwwan ilaalcha filannoo irratti akka hirmaatan Boordichi hubachiiseera.

Akkasumas, akka qaama tattaaffii hojii isaa ammayyeessuuf taasifamaa jiruutti, agarsiisa galmee fi sirna bulchiinsa ragaa toora interneetii dhaabbilee haawaasaa siiviikii taajjabdootaaf Adoolessa 4 hanga 5, 2025 akka gaggeesse yaadachiiseera.

Inishiyeetiivichi galmee fi sanada waraqaa irratti hundaa’e sirna dijitaalaatiin bakka buusuuf, adeemsa beekamtii kennuu keessatti gahumsaa fi iftoomina fooyyessuuf kan akeekudhas jedhameera.


Similar posts:

Godina Wallagga Lixaa Aanaa Gullisoo Ganda Maarutti Mootummaan Ummata Nagaa Fixuun Barame.

Godina Kibba Lixa Shaggar Ona Toleetti ergamtoonni mootummaa PP namoota nagaa ukkaamsuun achi buutee isaanii dhabamsiisuu jiraattonni dubbatan.

Mishigaanitti namichi dhukasa banee waldaa gube namoota afur galaafate.

Oromiyaatti bakkeewwaan mana hidhaa fii kaneen biroo keessaatti shakkamtoota to’ataman irratti reebichi fi sodaachisi gahaa jiraachuu KMNI gabaase.