Maatiin dubartii ulfa ji'a 9 waliin Gujii Ona Sabbaa Boruutti ajjeefamtee hidhamuu fi qabeenyi ishee barbadaa'uun gabaafame.
Published Sept. 25, 2025, 3:23 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Haadha ilmaan lamaa kan turte Aadde Suyyee Quxxalaa mucaa isaanii kan ganna ja'aa waliin oyruu irraa jaldeessa eegaa osoo jiranuu dhukaasa humnoota mootummaatiin ajjeefamuu maatiin maddeenitti himan.
Ajjeechaa dubartii kanaa booda ALI gaafa Fulbaana 9, 2018 ALItti maanguddoo ganna saddeettamaa dabalatee miseensi maatii ishee qaama mootummaatiin hidhamuufi qabeenyisaa jalaa gubachuu gabaafamee jira.
Miseensonni maddeen dubbise akka jedhanitti, Shanee nyaachistu jedhamuun qaamni nageenya mootummaa maatii dubartii ajjeefamtee hidhuu fi qabeenya gubuu himan.
WBO waliin hidhata qabdu jechuun miseensota maatii dubartii ulfaa kana dura ajjeefamtee irratti hidhaa raawwachuufi qabeenyi isaanii gubamu himan.
Boqqolloon akkuma galetti gubatee badeera. Halkan sa'aatii afuritti guban. Waraana mootummaatu gube jedhan.
Wanni nyaatamu ammaan booda omtuu hin jiru. Gubanii ka'anii nama hunda gara mana hidhaatti oofan" jechuun waan gaafa Fulbaana 9, 2018 halkan raawwate ibsan.
Obbolaa abbaa manaa dubartii ajjeefamtee lamaafi harmeesaanii hidhuu kan dubbatan miseensi maatii madddeen dubbisee, qabeenyis "kan maatii kanaa malee kan nama biraa hin gubanne," jedhan.
Bulchaan Ona Sabbaa Boruu wayita dubartiin ulfa ji'a sagalii ajjeefamte yaada kennaniin, waljijjiirraa dhukaasa qaama mootummaa fi hidhattoota WBO gidduu tureen ajjeefamuu himan.
Bulchaan Ona Sabbaa Boruu Obbo Guyyee Galgaloo hidhaan miseensaa maatiif kaan irratti fudhatame qaama oppireeshinii qaamoleen nageenya mootummaa taasisaa jiran ta'uu ibse.
Maatii dubartii ajjeefamtee ammoo haqa ishee awwaluuf gochaan kun raawwatame jedhan.
WALLOO
Godina Walloo Ona Harxummaa Fursee keessatti milishoonni sirnichaa daa'ima ganna 14 tokko obbolaa keetu bosona jira ittiin jechuun rifeensa gogaa irraa haadanii garmalees reebanii hidhaatti darbachuun barame
Kaaba Oromiyaa godina Walloo Ona Harxummaa Fursee ganda Golboo Arbaa jedhamutti Fulbaana 22,2025 milishaan murna Bilxiginnaa maqaan isaa Mahammad Awwal Adam Ammee jedhamu daa'ima ganna 14 kan ta'e maqaan isaa Sheehuu Mohaammed Nuur jedhamu qabee obbolaa kee bosona taa'ee caasaa keenya irratti tarkaanfii fudhachaa jiru quba qabda, osoon sin ajjeesin dafii iddoo inni jiru nutti himi? jedhee daa'ima kana yeroo gaafatutti daa'imni kunis anoo obbolaa koo waliin dhaladhe malee waliin jiraachaa hin jiru, iddoo inni jiruu fi waa'ee isaa wantan irraa beeku hin qabu, maaloo maqaa isaan nan dararin jedhee kadhachaa turuu maddeen ibsan.
Milishaan garee shiftaa murna PP kun daa'ima kana harka duubatti hidhee rifeensa isaa gogaa irraa haadaa yeroo daalima kana garmalee reebu, daa'imni kun iyyee boo'uun wawwaannaan hanga obbolaa kee bosonaa yaamsistutti na harkaa hin baatu jedhee ittuu daran reebicha hammeessuun boodarra iddoo buufata isaanii Mudha Hiddii jedhamutti daa'ima kana hidhanii hanga guyyaa gabaasni kun qindaa'eetti hiraarsaa jiraachuu jiraattotni gandichaa ONM'tti himan.
Dabalataan Ona Harxummaa Fursee Qori dabalatee bakkoota adda addaatti lukkeeleen Bilxiginnaa kun akkuma argan qe'ee hawaasaatti bobbaafamanii maqaa maatii qabsaa'otaatii fi deggartoota WBOti jedhuun namoota nagaa reebuu, hidhuu, saamuu, qe'eerraa buqqisuu fi qabeenyaa jalaa mancaasuun gidirsaa akka jiran jiraattotni onichaa maddeen keenyaaf himan.
DAANGAA SOMAALEE
Hidhattoonni naannoo Somaalee gama bahaatiin qabiyyee daangaa Oromiyaa sarbuun weerara raawwatuu itti fufanii jiru jedhame.
Magaalaa Dirree Dhawaa, Ona Mi'eessoo, Bordoddee, Gooroo Guutuu, Maayyuu Mulluqqee, Gursum, Baabbilee, Miidhagaa Tolaa, Cinaaksan, Jaarsoo, fi kanneen biroo keessatti humnoonni mootummaan naannoo Somaalee bobbaasee haleellaa raawwatuun lafa qabataa jiru.
Tibbana Ona Mi'eessoo keessatti haleellaan humnoonni kun raawwatan hamaatuun lubbuu namaa guyyaa gara guyyaatti darbaa jirti jedhan maddeen keenya achii.
Humnoonni kun tikfattoota fakkaatanii meeshaa ammayyaa hidhachuun ummata irratti haleellaa banani qe'ee fi qabeenya isaanii irraa buqqisuu jedhan.
Daangaan Oromiyaa hedduun weeraramuun humnoota naannoo Somaalee kanaan qabamuu kan himan jiraattoonni, mootummaan naannoo Oromiyaa nageenya ummataa fi birmadummaa daangaa Oromiyaatiif xiyyeefannaa laatuu dhabuun haalicha hammeesse jira jedhan.
Waggoota hedduuf haleellaan humni kun raawwatu daangaa Oromiyaa sarbuus himan.
Lafoonni rifireendamii Onkolooleessa bara 2004 adeemsifameen gandoonni Oromiyaa jalatti akka bulaniif murtaa'e garri caaluu mootummaa naannoo Somaaleetiin qabamuu maddeen himani jiru.
Weerarri kun wayta raawwatu mootummaan naannoo Oromiyaa, Caffee Oromiyaa fi Biiroon bulchiinsaa fi nageenya Oromiyaa tarkaanfii fudhate hin qabu jechuun himani jiru.
Similar posts:
Ogeeyyiin fayyaa Naannoo oromiyaa iddoowwan garaagaraattii argaman kaffaltii hojii saa'atii idileen alaa Wal qabatee rakkoo keessa Akka jiran Godinaalee Oromiyaa garaagaraa irraa komii isaanii dhageessisaa jiraachuun barame.
Projektiin Buufata Xiyyaara Bushooftuu namoota 15,000 qe'ee fi qabeenya isaanirra buqqise jedhame.
Godina Salaaleetti kan argamu hojjattoonni Hospitaala Waligalaa Kuyyuu baatiiwwan arfan darbaniif kafaltiin hojii yeroo sa'atii dabalataa nuuf hin kafalamnee jedhan.
Godina Arsii, Aanaa Roobee Magaalaa Saddiiq keessatti qaamni mootummaa dargaggota mana hidhaatii baasanii dararaa hamaa irratti raawwachaa jiraachuu maddeen dubbatan.