Olmaa Oromiyaa

Published Sept. 24, 2025, 4:47 p.m. by FNN Staff

695



ODUU FNN

Godina Baha Wallaggaa Ona Guutoo Giddaa keessatti humnoonni Bilxiginnaa qonnaan bultoota dirqamaan gara leenjii milishummaatti guuraa jiraachuun barame.

Baha Wallaggaa ona Guutoo Giddaa ganda Qajeelaa jedhamu keessatti Fulbaana 21,2025 sirni mootummaa PP hawaasa mana amantaa jirutti marsuun qonnaan bultoota hedduu jumlaan ukkaamsuun gara mooraa leenjiitti guuraa jiraachuu maddeen himan.

Qonnaan bultoonni haala kanaan ukkaamfaman kunneen abbootii warraa yoo ta'an, isaan keessaas kan maqaan nu ga'e;

Fayyeeraa Saamboo,

Ittafaa Mul'ataa,

Eebbisaa Abdataa,

 Hinkoosaa Gammadaa,

 Abdiisaa Hambisaa,

 Hambisaa Tasfaa,

Maammush Yaadasaa,

Kidaanuu Iddoosaa,

Simaa Wadaajoo,

Sibaatuu Wadaajoo,

 Amsaaluu Abarraa,

Waggaarii Lammii,

Darajjee Biraanuu,

Gammachuu Dabalaa fi

Caalaa Bulii kanneen jedhaman ta'uun eeramee jira.

 

     Harargee

 

Baha Harargee Ona Gooroo Muxiitti jaleewwan murna PP dargaggoota mooraa waraanaatti guuruu dabalatee dararaa addaa addaa uummata irraan ga'aa jiraachuun barame

Ona Gooroo Muxii bulchiinsa ganda Daaddoo jedhamu keessatti kaabineen Bilxiginnaa maqaan isaa Kadir Paartii jedhamu milishoota fudhatee gandichatti bobbaa'uun dargaggoota bakka bultii isaaniitti itti marsuun qabee dirree waraanaatti erguuf oggaa dhaqu dargaggoonni kunneenis fiiganii harkaa ba'uu hordofee, maatii ijoollota kanneenii manatti itti dhaquun ukkaamsanii mana hiraarsaa gandichaatti naqanii gidirsaa jiraachuu jiraattonni maddeenitti himan.

Shiftootaa fi saamtota murnichaan maatii isaanii irraa qabamuuun hiraarfamaa kan jiran kunneeniis namoota maqaan isaanii;

 

 Obbo Huseen Yuusuuf Idiris,

Obbo Aariif Abdurramaan Mohaammad

Obbo Huseen Abdullaa Haaruun

Ibraahim Diimaa fi kanneen biroo hedduun hidhamanii dararamaa jiraachuun himamee jira.

Akka godinichaatti murna Bilxiginnaan miidhaawwan addaa addaa uummata nagaa irratti jabaatee jiraachuu kan dubbatan jiraattonni, yeroo irraa gara yerootti guutuu Oromiyaa keessatti uummanni Oromoo yakka tokko malee Oromummaa isaa qofaaf hiraarfamaa jiraachuun kan mul'atuudha.

 

 

        Arsii

 

Godina Arsii Lixaa Onoota garaa garaa keessatti murni mootummaa PP hawaasa hiraarsaa jiraachuun dhagahame

Ona Kofalee ganda Acaaqatee jedhamu keessatti iddoo hawaasni wantoota fayyadama bu'uuraa mana keessa kanneen akka; sukkaaraa, ashaboo fi buna itti gurguratu gibira irratti kaffaluu qabdu jechuun, namni tokko qarshii 1000 hanga 1500 akka kaffaluuf hawaasa dararaa jiraachuu maddeen ifoomsan.

Namoonni iddoo kanatti waa gurguratan kun qarshii kana mootummaaf kennuu danda'uu mitii meeshaan isaan gurgurataniyyuu qarshii kana baasuu kan hin dandeenye yoo ta'u, ergamtootni kunneen garuu qabeenya keessan kan mana jiru itti dabalaa kennaa jechuun hawaasa dirqisiisaa kan jiran ta'uu maddeen dabalataan ibsaniiru.

Ganda kana keessa ifaas ta'e bishaan hawaasaaf galee kan hin jirre yoo ta'u, yeroo garaa garaatti maqaa kanaanis mallaqa guuraa turanis utuu hin galchiniif hafuun, qarshii sana achumaan kan hambifatanii, ammas dabalataan hawaasicha saamuuf tooftaa baafatanii hojjetaa jiraachuu gabaasaan nu qaqqabe ni ifoomsa.

Haaluma wal fakkaatuun sirni saamichaa fi dhiitaa mirga namoomaa irratti bobba'ee hojjetaa jiru Bilxiginnaan Arsiidhuma Lixaa ona Gadab Hasaasaa gandoota hunda keessaa maallaqa hawaasa irraa sassaabuun waan hammeeteef uummatni waan itti kennu dhabee rakkataa jiraachuu fi qe'ee gadi dhiisee baqataa jira jedhu maddeen himanii jiru.

 


Similar posts:

Ogeeyyiin fayyaa Naannoo oromiyaa iddoowwan garaagaraattii argaman kaffaltii hojii saa'atii idileen alaa Wal qabatee rakkoo keessa Akka jiran Godinaalee Oromiyaa garaagaraa irraa komii isaanii dhageessisaa jiraachuun barame.

Projektiin Buufata Xiyyaara Bushooftuu namoota 15,000 qe'ee fi qabeenya isaanirra buqqise jedhame.

Godina Salaaleetti kan argamu hojjattoonni Hospitaala Waligalaa Kuyyuu baatiiwwan arfan darbaniif kafaltiin hojii yeroo sa'atii dabalataa nuuf hin kafalamnee jedhan.

Godina Arsii, Aanaa Roobee Magaalaa Saddiiq keessatti qaamni mootummaa dargaggota mana hidhaatii baasanii dararaa hamaa irratti raawwachaa jiraachuu maddeen dubbatan.