Imbaasiin Ameerikaa Lammiilee ishee Seera Immigireeshinii Itoophiyaa kabajuus akka qaban yaadachiise
Published Sept. 24, 2025, 5:11 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Imbaasii U.S. kan magaalaa Finfinneetti argamutti ambassadara kan ta’an Erviin Masingaa lammiileen Ameerikaa kan Itoophiyaa keessa jiraatan ykn daawwannaaf kan dhufan seera immigireeshinii biyyattii ciminaan akka kabajan dhaama.
Ambasadarrichi ergaa kaleessa gama imbaasitiin dabarasaniin, jijjiirama imaammata immigireeshinii Itoophiyaa irratti mul’ate kaasuun lammiileen Ameerikaa turtii isaani kan Itoophiyaa keessa qabaniin seerota Itiyoophiyaa beekuu fi qophaa’uun barbaachisaa ta’uufi akkasumlee seera immigireeshinii biyyatti kabajuun barbaachisaa ta’uu eeraniru
Masingaan sadaasa bara 2017 mootummaan Itoophiyaa godaansa seeraan alaa hir’isuuf jecha adabbii viizaa yeroo dheeraa turuu guyyaa tokkotti gara doolaara 30tti akka ol guddise ibsan, adabbiin kun dafee kuufamuu akka danda’u hubachiisaniiru. Ambaasaaddar Masingaan qondaaltonni immigireeshinii Itiyoophiyaa “lammiileen U.S. viizaa isaanii yeroo dheeraa turuu isaaniitiin adabaman hanga adabbii guutuu doolaara Ameerikaatiin kaffalanitti biyyaa akka hin baane dhorkuu danda’u” jechuun akeekkachiisaniiru. Akkasumas Imbaasiin U.S. hanga adabbii maallaqaa kana kaffaluuf liqii kennuudhaaf hayyama akka hin qabne ibsaniiru.
Adabbii akka hin mudanneef ambaasaaddarichi lammiileen U.S. viizaan turistii guyyoota 30 ykn 90 osoo hin xumuramin dura waajjira muummee tajaajila Lammummaa fi Immigireeshinii Itoophiyaa deemuu turtii isaanii dheereffachuun viizaa ykn hayyama jireenyaa yeroo baay’ee ( yellow card) jedhamuun beekamu akka gaafatan gorsaniiru .“Ijoolleen lammiilee biyya alaa, kanneen Itoophiyaa keessatti dhalataniifi paaspoortii U.S. isaanii akka bifa eenyummaa isaanii qofaatti fayyadaman dabalatee, adabbiin viizaa yeroo dheeraa turuu ni qabaatu,” jedhan ambaasaaddarichi. warri lammiilee U.S. Itoophiyaa keessa jiran paaspoortii U.S. isaanii isaanii keessatti viizaa Itoophiyaa ykn “yellow card” seera qabeessa ta’e qabaachuu akka qabanis dhaamani.
Masingaan lammiileen Ameerikaa karaa seeraan qabeessa ta’een Itiyoophiyaa keessa turuuf itti gaafatamummaa akka qaban cimsanii dubbachuun; kun akka lammiilee idil-addunyaatti mirgaaf dirqamaa isaanii qofa osoo hin taane, '' maallaqa karaa adabbiitiin irraa gahus hiri’usuuf '' murtee gaarii akka ta’e dubbatan.
Similar posts:
Humnaan qabsoon godhamu Ameerikaa fi Deenmaark jidduutti hammaataa dhufe.
Kibba baha Suudaanitti haleellaa dirooniitiin namoonni 27 ajjeefaman.
Irree fi gaachanni saba Oromoo WBOn Zoonii Kibbaa tarkaanfii laalessaa loltoota diinaa irratti fudhateen diinota hedduu adabuun injifannoo boonsaa galmeessisuu beeksise.
Manni Murtii Ol'aanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dhimma duguuggaa sanyii Rohinjiyaa dhaggeeffachuu eegaluufi.