Balaa Ibiddaa Bidiruu Muuddateen Lubbuun Namoota Hedduu Darbuun Gabafame.

Published Sept. 18, 2025, 8:10 a.m. by FNN Staff

643



ODUU FNN

Liibiyaatti ‎Bidiruu Godaantota Afrikaa feetee imalaarra turte Balaa ibiddaa muudateen lubbuun namoota 50 darbuun gabaafame.

                                        

Bidiruun Godaantota Afrikaa Jireenya fooyya'aa ta'e barbaachaaf akkasuma nageennaa fi waraana jalaa dheessuun Afrikaa irraa gara  Awurooppaatti imalaa turan feetee imalaa turterratti Ibidda qabateen yoo xiqqaate lubbuun namoota 50 darbuun gabaafamee jira.

 

Dhaabbanni Godaantotaa(IOM) akka jedhetti, Baha Afrikaa keessatti, Namoonni muraasni qofti karaa nageenya qabuu fi seera qabeessa ta'een karaa itti ba'an argatu. keessumaa filannoon jiru waraana Suudaan keessatti gaggeeffamaa jiru xummuramu qofa, jedha ejensichi.

 

Lolli humnoota Suudaanii fi milishoota jidduutti waggoota lamaan darbanitti godaantota kuma 140 ol gara Liibiyaatti dhiibuu isaa ejensiin baqattootaa tokkummaa mootummoota gamtoomanii beeysise.

 

Rakkoo amma muudate kanaan alattis, Gurraandhala 1 hanga Adoolessa 13 jidduutti daandii Jiddugaleessa Meditiraaniyaanii irratti yoo xiqqaate namoonni 456 yoo du’an, 420 ammoo achi buuteen isaanii dhabamuu IOM beeysiseera.

 

Baatii Hagayyaa keessa bidiroonni lama kibba Xaaliyaanii odola Lampedusa jedhamtu irraa liqimfamuun yoo xiqqaate namoonni 27 du'aniiru.

 

ji'a Adoolessaa keessa yoo xiqqaate godaantonni fi baqattoonni 60 ta’an qarqara galaanaa Liibiyaa irratti bishaaniin kan liqimfaman yoo ta’u, irra caalaan isaanii lammiilee Suudaan, Itiyoophiyaa fi Eertiraa ta’uu ibsameera jedhe.

 

Bara 2011 erga hogganaan Liibiyaa Muammad Gadaafii kufanii as baqattoota kuma 867,055tti tilmaamaman kan qabdu Liibiyaan, godaantota ykn baqattoota Awurooppaa dhaqqabuuf yaalan bakka qaxxaamuraa taateetti.

 

Teessoon isaa Liibiyaa kan ta’e dhaabbatichi Liibiyaa keessatti miidhaa sirnaan godaantotaa fi baqattoota Liibiyaa irratti raawwataman kanneen akka dararaa, gudeeddii fi butamuu dabalatee galmeessee akka jiru miidiyaaleen idil-addunyaa Al Jazeera dabalatee gabaasaniiru.


Similar posts:

Baqattonni Itoophiyaa 65 Sa'uudiitti du'a eeggataa jiran birmannaa gaafatan

Sudaan Kibbaatti namoonni miiliyoona saddeetitti dhiyaatan balaa beela hammaataaf saaxilamuuf jiru jechuun dhaabbileen miti - mootummaa akeekkachiisan

Pirezidaantiin bulchiinsa yeroo Tigraay kan mootummaan federaalaa yeroo aangoo bulchiinsa isaanii waggaa 1f dheeresseef kaleessa kaabinee isaanii walgahii waamanii waliin marii irra turan.

Haleellaa Matakkalitti raawwateen ''hojjattoonni qeeraa torba ajjeefamuu'' jiraattonni himan