Wallagga Bahaa Aanaa Kiiramuu Magaalaa Harootii Uummatni Buqqa'aa Jira Jedhan
Published Sept. 17, 2025, 12:09 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Wallagga Bahaa Ona Kiiramuu Magaalaa Harootti Uummanni Buqqa'aa Jira Jedhame.
Godina Wallagga Bahaa Ona Kiiramuutti hidhattoonni finxaaleyyii Faannoo kaleessa haleellaa banuun dhagahame.
Magaalaa Haroo fi naannawaa ishee humnoonni kunneen guutuutti kan qabatanii fi haleellaa fi saamicha bal'aa uummata Oromoo irratti raawwachuun ibsameera.
akka maddeen jedhanitti Hidhattoonni Izzii Faannoo kan Wallaggaa ofiin jedhan gandoota aanichaa 19 keessaa 17 qabatanii akka jiran ibsan.
Humnoonni finxaaleyyiin dhibbootaan ganda Ashuu Kusaayee jedhamu buufatanii jiran gurmuu jabaa tolfatanii meeshaalee waraanaa ammayyaa'oo hidhataniin dheengadduma kana milishootaa fi poolisoota Oromiyaa 30 caalaa fixuus jiraattonni maddeenitti himanan.
Inumaayyuu gandoota hedduu keessatti caasaa gandaa naannoo Oromiyaa diiganii, warra gandatti ramadaman hedduu ukkaamsanii fudhachuu jiraattonni dubbatan.
Hidhattoonni kun gartokkeen kan yeroowwan garaagaraatti naannoo Amaaraatii dhufanii hawaasa fakkaatanii qubatan ta'uu jiraattonni eeranii, warri kun yeroo nagaa akkuma nama nagaa hojii daldalaa fi qonnaan hojjatatu, yeroo qajeelfamni Faannoo irraa kenname huccuu isaanii jijjiirratanii meeshaalee waraanaa isaanii bakka dhoksanii guurratanii gamtaan haleellaatti bobba'u jedhan.
Hidhattoonni kunneen meeshaalee waraanaa gurguddaa akanneen akka kilaashii, isnaayipparii, diishqaa, boombii fi kanneen biroo hidhatanii akka socho'anis jiraattonni himatu.
Jigii humna finxaalessa dabalataa naannoo Amaaraatii waammatanii haleellaa raawwatanii badii guddaa erga geessisanii booddee, warra naannoo Amaaraatii dhufe gammoojjii keessa gara naannoo Amaaraatti ceesisu, ofii isaaniitiif immoo huccuu jijjiirratanii nama nagaa fakkaatanii numa keessa jiraatu jedhan jiraattonni.
Warra kana caasaan aanaa sirriitti beeka saaxilee seeratti dhiheessuu hin fedhu jechuun jiraattonni himatu.
Eenyu akka qindeessu, eenyu waliin akka hojjatan, keettoon isaanii waajjira mootummaa ona keessaa eenyu akka ta'e otuma beekamuu callisanii uimmata ficciisiisu jechuun caasaa onaa jiraattonni irra deddeebiin himan.
Nama nagaa fakkaatee hawaasa keessa jiraataa uummata warra fixaa jiru, warra caasaa mootummaa keessaa keettoo ta'ee jara waliin hojjatu mootummaan tarkaanfii irratti fudhachuu akka qabus jiraattonni dubbatan.
Rakkoon kun irra deddeebiin kan raawwatamaa ture ta'uus jiraattonni dubbatan.
Similar posts:
Baqattonni Itoophiyaa 65 Sa'uudiitti du'a eeggataa jiran birmannaa gaafatan
Sudaan Kibbaatti namoonni miiliyoona saddeetitti dhiyaatan balaa beela hammaataaf saaxilamuuf jiru jechuun dhaabbileen miti - mootummaa akeekkachiisan
Pirezidaantiin bulchiinsa yeroo Tigraay kan mootummaan federaalaa yeroo aangoo bulchiinsa isaanii waggaa 1f dheeresseef kaleessa kaabinee isaanii walgahii waamanii waliin marii irra turan.
Haleellaa Matakkalitti raawwateen ''hojjattoonni qeeraa torba ajjeefamuu'' jiraattonni himan