Magaalaa Finfinneetti balaa tiraafikaatiin lubbuun namaa darbe.
Published Sept. 17, 2025, 2:50 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Magaalaa Finfinnee kutaa Magaalaa Araadatti balaa tiraafikaa muuddateen lubbuun nama tokkoo darbuu Koomishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee beeksise.
Balaan kun kan muuddate guyyaa har'aa Fulbaana 17/2025 lafa barii toora sa'aatii 12:10 irratti kutaa magaala Araadaa, aanaa 6 iddoo adda Afincaa Barri jedhamutti akka ta’e poolisiin magaalichaa beeksisee jira.
Balaan kun konkolataa geejjiba ummataa irraatti kan gahe yoo ta’u, ka’umsii konkolaataa kanaa Shiro Meedaa irraa gara Afincaa Barriitti imalaa osoo jiruu iddoo pirojektii misooma qarqara laggeen kan meetira 30 fagaatee naannawa Afincaa barriitti ijaaramaa jirutti balaan kun muudachuun beekkamee jira.
Balaa muuddate kanaan Dubartiin waggaa 22 batalumatti lubbuun yoo dabartu, miidhamtoonni lubbuun hafan immoo hospitaala Abeeti fi Yakkaatiti 12tti yaala fayyaa argataa jiraachuun ibsamee jira.
Similar posts:
Baqattonni Itoophiyaa 65 Sa'uudiitti du'a eeggataa jiran birmannaa gaafatan
Sudaan Kibbaatti namoonni miiliyoona saddeetitti dhiyaatan balaa beela hammaataaf saaxilamuuf jiru jechuun dhaabbileen miti - mootummaa akeekkachiisan
Pirezidaantiin bulchiinsa yeroo Tigraay kan mootummaan federaalaa yeroo aangoo bulchiinsa isaanii waggaa 1f dheeresseef kaleessa kaabinee isaanii walgahii waamanii waliin marii irra turan.
Haleellaa Matakkalitti raawwateen ''hojjattoonni qeeraa torba ajjeefamuu'' jiraattonni himan