Itoophiyaatti Miidhaan Koorniyaa Akkaan Jabaachaa JiraachuunI Barame.

Published Sept. 16, 2025, 2:55 p.m. by FNN Staff

477



ODUU FNN

Manneen Barnootaatti miidhaan saalaa fi kaan barattoota dubaraarra gahaa jraachuu Komishiniin Mirga Namoomaa ibse.

 

Manneen barnootaa kutaalee biyyattii adda addaa keessattuu naannoo Amaaraa fi Oromiyaa keessatti doorsisni, sodaachisuu fi qoccollaan saalaa barattoota dubartootaa irratti raawwatamaa jiraachuu Koomishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa mirkaneesse.

 

Kana malees,  manneen barnootaa tokko tokko keessatti daa’imman adabbiin qaamaa fi xiinsammuu akka irra ga’u, akkasumas sababa walitti bu’iinsa hidhattootaa fi humnoota nageennaa mootummaa jidduutti, keessumaa naannoo Amaaraa fi Oromiyaa keessatti adeemsifamaa jiruun barattoonni balaadhaaf saaxilamuu ibseera.

 

Argannoon kun kan ifoome Koomishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa manneen barnootaa mootummaa fi dhuunfaa naannolee kanneen akka Finfinnee, Affaar, Amaaraa, Gaambeellaa, Oromiyaa fi Kibba Itiyoophiyaatti argaman irratti “manneen barnootaa barattootaaf mijatoo ta’uu fi dhiisuu akkasumas haala qabiinsa mirga namoomaa barattootaan” walqabatee hordoffii taasiseeni.

 

Marii gidduu kana Finfinneetti taa’amerratti, Ministeerri Barnootaa, hoggantootaa fi bakka bu’oonni biiroolee barnootaa fi faayinaansii fi diinagdee naannolee, akkasumas dura bu’oonni manneen barnootaa akka hirmaatan Komishinichi kaleessa fuula miidiyaa hawaasaa isaa irratti beeysiseera.

 

Komishinichi manneen barnootaa hedduu keessatti barattoonni haala mijataa hin taanee fi humnaa ol walitti baay’atanii  akka baratan, manneen barnootaa hedduu keessatti kilinikoonni fayyaa jiraachuu dhabuun, meeshaalee qarqaarsa jalqabaa dhabuun, hanqinni ogeeyyii fayyaa rakkoolee sirna baruu fi barsiisuu danqaa jiran keessaa isaan tokko ta’uu hubachiise.

 

Manneen barnootaa hordofaman hunda keessatti imaammanni eegumsa daa’immanii fi farra loogii jiraachuu dhabuun, naannolee manneen barnootaa tokko tokkootti  manneen jimaa, shiishaa fi puulii baay’achuun, akkasumas sirni komii barattoota daa’immaniif mijatu jiraachuu dhabuun dhimmoota mirga namoomaa ciccimoo adeemsa barumsaa irratti dhiibbaa hamaa geessisaa jiraniidha.

 

Komishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa daa’imman barnoota mijataa fi mirga namoomaa kabaju akka argatan xiyyeeffannoon barbaachisaa ta’e akka kennamuu qabu hubachiisan.

 

Daarektarri Kutaa Mirga Dubartootaa fi Daa’immanii komishinichaa  Salamaawwit Girmaayi hirmaattootaaf akka himanitti, mootummaan mirga daa’immanii eeguuf itti gaafatamummaa akka qabuu fi Komishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa  adeemsa barnootaa daa’immaniif mijataa fi mirga namoomaa kabaju mirkaneessuuf hojii  isaa cimsee akka  itti fufu ibsaniiru.

 


Similar posts:

Ogeeyyiin fayyaa Naannoo oromiyaa iddoowwan garaagaraattii argaman kaffaltii hojii saa'atii idileen alaa Wal qabatee rakkoo keessa Akka jiran Godinaalee Oromiyaa garaagaraa irraa komii isaanii dhageessisaa jiraachuun barame.

Projektiin Buufata Xiyyaara Bushooftuu namoota 15,000 qe'ee fi qabeenya isaanirra buqqise jedhame.

Godina Salaaleetti kan argamu hojjattoonni Hospitaala Waligalaa Kuyyuu baatiiwwan arfan darbaniif kafaltiin hojii yeroo sa'atii dabalataa nuuf hin kafalamnee jedhan.

Godina Arsii, Aanaa Roobee Magaalaa Saddiiq keessatti qaamni mootummaa dargaggota mana hidhaatii baasanii dararaa hamaa irratti raawwachaa jiraachuu maddeen dubbatan.