Suudaanitti sababa roobaatiin namoonni kumaatamaan lakaa’aman buqqa’uun barame.
Published Sept. 15, 2025, 2:03 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Suudaan naannawaa bulchiinsa jiddu galeessa biyyattiitti Uum Alquraa jedhamutti rooba roobe hordofee balaa lolaa muudateen namoonni kuma 4 ol qe’eerraa yoo buqqa’an, manneen jireenyaa dhibba 550 ol mancawuu, dhaabbanni baqattoota addunyaa beeksise.
Balaan lolaa kun torbee darbe Jimaata Suudaan Kutaa Bulchiinsa Aljaziiraa gama bahaa kan jiran, quubsuma uummataa jirurra miidhaa kan dhaqqabsiise yoo ta’u, sababaa balaa kanaatiin abbootiin warraa 850, yookiin namoonni 4250 qe’ee isaanii gadhiisanii buqqa’uu godaantota addunyaa beeksisee jira.
Suudaan keessatti Waxabajjii haga Onkoloolessaa roobnii cimaan waqtii roobu yoo tahu, kunis balaa lolaa jiraattota irraan geessisaa akka jiru ibsamee jira.
Rakkoon kun wayita biyyattiin lola humnoota mootummaa lamaan jidduutti gaggeeffamuun unkuramaa jirtuttii ta’uunis beekkamee jira.
Suudaan bara 2023 keessa Waraana Suudaanii fi humna eegdota dafee dhaqqabaa jidduutti lolli kan gaggeeffamaa ture yoo tahu, lola kanaan namootni kuma kudhanii ol yoo du’an, kanneen miiliyoonaan lakkaa’aman ammoo qe’ee isaanii irraa buqqa’anii rakkoof saaxilamuun kan beekkamuudha.
Similar posts:
Mootummaan Faransaay doonii haaraa humna niwukilaraa hojjetu, seenaa isaa keessattis ta’e Awurooppaa keessatti isa guddaa ta’e ijaaruuf karoora qabaachuu isaa ifatti mirkaneesseera.
Mootummaan Oromiyaa haleellaa humnoota finxaaleyyii Faannoo godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa maqsuun nageenya uummataa waaraan mirkaneessee afuura akka nu fudhachiisu feena jedhan jiraattonni.
Mootummaan naannoo Somaalee karaa godina Boorana Bahaatiin Oromiyaa irratti lolli bane itti fufuu jiraattonni himan.
Naayijeeriyaatti Boombii Masjiida keessatti dhooheen namoonni 5 yoo du'an, 35 madaa'an.