OROMUMMAA DHA MOO AMANTIITU DURSA?
Published Sept. 14, 2025, 11:31 p.m. by Birhaanuu Hundee
Sabni ykn uummatni Oromoo wanti akka WALOOtti waliin qabu tokko “EENYUMMAA” isaa ti;
collective identity dha. Bakkee/iddoo kamittuu dhalatus guddatus eenyummaan isaa tokkuma.
Karaa seenaatiinis yoo laalame, Oromoon sirna kolonii Habashaa jalatti kufee, kan
gabrooffatame, kan hidhamu, kan dararamu, kan ajjeefamu akka Oromoottii malee, akka
naannoo ittidhalateetti ykn akka amantii hordofuutti addaan baafameetii miti. Oromoon tokko
sababa kamiinuu eenyummaa ofii yoo gaafii keessa galche, jaalatus jibbus garuu akka
Oromootti dhalatee, akka Oromootti du’a. Kun uumaa fi uumama dha. Ilaalchi kamiiyyuu kan
amantiis haa ta’u kan siyaasaa ykn kan biraa waan dhuunfaa ti. Kun waan jijjiiramuu danda’uu
dha. Eenyummaan garuu waan jijjiiramuu miti. Seera uumaa ti (law of nature). Akka xurii qaama
namaa dhiqatamee kan qulqullaahuu miti. Akka kafanaa kan jijjiiramus miti.
Oromummaan maali?
Namootni Oromummaa karaalee adda addaatiin hiika itti kennuu malu. Oromoo ta’anii
dhalachuunis Oromummaa akka ta’etti warri laalan jiru. Haa ta’u malee, Oromoo ta’anii
dhalachuun ulaagaa Oromummaa guutuu hin danda’u. Oromummaan utubaalee sadi (three
pilars) irratti hundaa’e qaba. Isaanis Afaan, Aadaa fi Seenaa dha. Isaan kana beekuu,
hubachuu fi jaalachuutu gara Sabboonummaatti nama ceesisa. Ulaagaan sabboonummaatu
inni guddaan tokko Oromummaa dhaan bilchaachuu dha. Oromummaadhaan bilchaachuu
jechuun immoo, beekumsa fi dandeettii Afaanii, Aaadaa fi Seenaa Oromoo qabaachuu; saba
ykn uummata Oromoo jaalachuu, uummata kanaaf quuqamuu, mirga saba Oromootiif
falamchuu fi kan kana fakkaatuu dha. Utubaaleen sadeen kun ibsituu saba Oromoo ti. Jiruu fi
jireenyi Oromoo, xinsammuun Oromoo, safuu fi duudhaan Oromoo isaan sadeen kana keessatti
ilaalmu hubatamus. Hireen nuti waliin qabnus ta’ee biyyi keenya Oromiyaan waan sadeen
kanarratti hundaa’u. Egaa, erga Oromummaan gabaabaadhumatti akkanatti hiikamee, Oromoo
ta’anii dhalachuu fi Oromummaan tokkoa akka hin taane hubachuun rakkisaa waan ta’u natti
hin fakkaatu.
Gara mata duree barreeffama kanaatti deebi’uudhaaf, akka yaada fi ilaalcha kiyyaatti, amanitin
waan eenyummaa booda dhufuu dha. Fakkeenyaaf, daa’imti takka yommuu dhalattu fi
guddattu, dura eenyummaa ofii barti; abbaa fi haadha addaan baafattee beekti. Amantiin ishiin
qabaachuuf deemtu kan warri ishii hordofan ykn kan biraa ta’uu mala. Garuu karaa
eenyummaatiin kan biraa ta’uu hin dandeessu eenyummaadhuma warraa himatti. Dura warri
kiyya kana ykn sana jettee himatti malee, amanitin kiyya kana hin jettu. Kana jechuun
gabaabaadhumatti eenyummaa (identity) tu amantii (religion) dursa jechuu dha. Karaa ilaalcha
siyaasaatiins yoo laalame, akkasuma. Ilaalchi saayaasaa eenyummaa ofii yoo beekan booda
dufa. Wanti kun waan dhaabbatee hafus miti; waan jijjiiramuu danda’uu dha. Akkuma armaan
olitti ibsame, eenyummaan garuu waan jijjiiramuu miti. Kanaafuu Oromummaan (eenyummaan-
identity) waa hundaa dursa jechuu dha. Gaafii akka mata dureetti ka’eef deebii gabaabaan
Oromummaatu dursa. Amantiin waan sana booda dhufuu dha.
Waan seenaa Oromoo keessatti ta’e haa yaadannu!
Bara sochii Maccaa fi Tuulamaa, Jeneraal Taaddasaa Birruu fi warri biroo Arsii Itayyaa deemanii
waan dubbatan seenaatu ragaa ta’a. Waan Oromummaatti amananiif, waan dhugaanis isa kana
ta’eef, waan bilchina Oromummaa qabaniif, Islaama fi Kiristaana jennee bakkee lamatti
qoodamanee hin nyaannu jedhanii bakkee tokkotti waliin qalatanii waliin nyaatan jedhama.
Oromummaan akka dursu hubatanii wal hubachiisan jechuu dha. Kan biraa immoo hoggantoota
ABO ol’aanoo warra Shinniggaatti wareegamanii dha. Akkuma seenaan ragaa bahu fi hanga
har’aatti “Guyyaa Gootota Oromoo” jennee sababa qabsaa’ota sanaatiin ayyaaneffachaa jirru,
waan jarri sun Oromummaaf dursa kennanii; Kiristaanaa fi Islaamaan gargar hin baanu
jedhaniif, sababa sanaan rashanamanii bool’a takkatti awwaalaman. Fakkeenya biraa itti
dabaluuf, injifannoon sun humnoota hin taaneen haa butamu malee, baroota 2016 fi 2017
Qeerroo fi Qarreen Oromoo gamtaadhaan ka’anii; wareegama ulfaataa kaffalanii, kan
Wayyaanee ofirraa ari’an akka warra amantiilee adda addaa hordofaniitti gargar bahanii osoo
hin taane, OROMUMMAAf dursa kennanii dhimma walootiif waan socha’aniifi. Kunis
Oromummaan akka dursu ragaa ta’a.
Waayee Irreechaa
Akkuma beekamu yeroon kun yeroo Addunyaa kanarratti biyyoota adda addaatti Ayyaanni
Irreechaa kabajamuu dha. Olola fi burjaajii diinni Oromoo uumeen/uumuun, ayyaanni kun akka
waan amantii ta’eetti laaluudhaan Oromoonni waan kana dura dhaabbatan ykn morman ni
mul’atu. Kun tokkummaa Oromoo laaffisuuf ykn diiguuf waan akka sababaatti godhame malee,
dhugumatti Irreechi amantii ta’eetii miti. Irrechi yeroo Oromoon Waaqaaf/Rabbiif galata galchu
(thanks giving) malee amantiis ta’ee waan biraatiin waan walqabatuu miti. Maali, Ayyaana
kanarratti warri amntiilee gara garaa hordofan irratti aragmaa hin turree? Kun akka Ayyaana
Biyyolessaa (National Holiday)tti laalamuu qaba malee waan lagatamu ta’uu hin qabu. Kun
mallattoo Oromummaa ti jedheen amana.
Dhumarratti, barreeffama kiyya xumuruuf, karaadhuma fedheenuu yoo ilaalame, Oromummaan
waan hundaa dursa. Oromummaan eenyummaa keenya, mallattoo saba Oromoo ti.
Hundee tokkummaa ti. Humna injifannootti nu geessuu uuma. Kan hiree keenya
murteessuu dha. Waan biyya keenya Oromiyaa ijaaruu dha. Yoo biyya keenya ijaarrannee fi
bilisa taane, amantii feene hordofuu dandeenya. Inni filannoo dhuunfaa ti; Oromummaan kan
waloo ti. Fedhiis saba Oromootiif (Oromo National Interest) dursa haa kenninu!!
Injifannoon kan Uummata Oromoo ti!
Similar posts:
ODUU FNN | BITOOTESSA 2025
Ibsa Kora ABO-KFO
Araara: Eenyu wajjin? Akkamitti?
DHALOOTA JIILE